Weedduu
Weeddotaa
1
Weedduu Weeddotaa Solomoon.
Ishee
Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu;
jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.
Urgaan shittoo keetii namatti tola;
maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti.
Kanaafuu dubarran si jaallatu!
Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa!
Mootichi diinqa isaatti ol na galfate.
Michoota
Nu sitti gammannee ililchina;
jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna.
Ishee
Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!
 
Intallan Yerusaalem,
ani akkuma dunkaana Qeedaar,
akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha;
garuu bareedduu dha.
Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin;
aduutu na gurraachesseetii.
Ilmaan haadha koo natti aaranii
akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan;
ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.
Yaa isa ani si jaalladhu,
iddoo bushaayee kee tikfattuu fi
iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi.
Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee
bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?
Michoota
Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu,
ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi;
ilmoolee reʼoota keetiis
dunkaana tiksootaa bira tikfadhu.
Isa
Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa
fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.
10 Maddiin kee amartii gurraatiin,
mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.
11 Nu warqee gurraa
meetiidhaan wal make siif tolchina.
Ishee
12 Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu
shittoon koo urgaa isaa kenne.
13 Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti;
inni guntuta koo gidduu boqota.
14 Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa
kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.
Isa
15 Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda!
Dinqii akkam bareedda!
Iji kee gugee fakkaata.
Ishee
16 Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda!
Dinqii akkam namatti tolta!
Margi lalisaan siree keenya.
Isa
17 Dareersumaan mana keenyaa birbirsa;
dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.