2
Gammachuun Faayidaa Hin Qabu
Ani garaa koo keessatti, “Ani waan gaarii barbaaduudhaaf gammachuudhaan sin qoraatii mee kottu” jedheen yaade. Garuu wanni kunis waan faayidaa hin qabne taʼuu isaa nan mirkaneeffadhe. Anis, “Kolfi gowwummaa dha; gammachuunis maal fayyada?” nan jedhe. Anis utuma qalbiin koo ogummaadhaan na qajeelchaa jiruu gowwummaa qabadhee daadhii wayiniitiin of gammachiisu nan yaale. Waan namoonni bara jireenya isaanii muraasa keessatti samii gaditti hojjetan arguu nan fedhe.
Ani hojii guddaa nan hojjedhe: Manneen ijaarradhee wayiniis dhaabadhe. Ani iddoo biqiltuutii fi iddoo bashannanaa qopheeffadhee mukkeen ija naqatan kanneen gosa hundaa achi keessa nan dhaabadhe. Bosona mukkeen guddachaa jiranii ittiin obaafachuufis kuusaa bishaanii nan qopheeffadhe. Ani garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe; garboota mana kootti dhalatan biraas nan qabaadhe; nama naan dura Yerusaalem keessa jiraate kam iyyuu caalaas loonii fi bushaayee hedduu nan horadhe. Ani meetii fi warqee, qabeenya moototaatii fi kutaawwan biyyaa walitti nan qabadhe. Ani faarfattoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoowwan nama gammachiisan hedduu qaban ture. Kanaafuu ani akka malee guddadhee nama anaan dura Yerusaalem keessa ture kam iyyuu caale. Waan kana hunda keessatti ogummaan koo anuma wajjin ture.
10 Ani waan iji koo hawwe hunda isa hin dhowwine;
garaa koos gammachuu tokko illee hin lagne.
Garaan koo hojii koo hundatti gammade;
kunis dadhabbii koo hundaaf badhaasa ture.
11 Taʼus ani yeroon waan harki koo hojjete hundaa fi
waanan argachuuf jedhee itti dadhabe hubadhee ilaaletti,
wanni hundi akkuma bubbee ariʼuuti malee
faayidaa hin qabu ture;
aduudhaa gaditti buʼaan tokko iyyuu hin turre.
Ogummaa Fi Gowwummaan Faayidaa Hin Qaban
12 Anis yaada koo gara ogummaa,
maraatummaa fi gowwummaa hubachuutti nan deebifadhe.
Namni mootii iddoo buʼu tokko waan duraan hojjetame caalaa
maal gochuu dandaʼa?
13 Ani akkuma ifni dukkana irra wayyu sana,
akka ogummaan gowwummaa irra wayyu nan arge.
14 Ogeessi mataa isaa keessaa ija qaba;
gowwaan garuu dukkana keessa deema;
ani garuu akka galgalli isaan lamaanii
tokkuma taʼe nan hubadhe.
15 Ergasii ani akkana jedheen garaa koo keessatti nan yaade;
“Wanni gowwaa quunname, anaanis ni quunnama;
yoos ani ogeessa taʼuudhaan maalan argadha ree?”
Ani garaa koo keessatti,
“Kunis faayidaa hin qabu” nan jedhe.
16 Ogeessi akkuma gowwaa yeroo dheeraaf hin yaadatamuutii;
bara dhufuuf jiru keessa isaan lachuu ni irraanfatamu.
Ogeessis akkuma gowwaa duʼuu qaba!
Hojiin Dadhabuun Faayidaa Hin Qabu
17 Sababii wanni aduu gaditti hojjetamu na gaddisiiseef ani jireenya nan jibbe; kun hundinuu bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu. 18 Ani sababii nama ana duubaan dhufuuf waan kana dhiisuu qabuuf, waanan aduudhaa gaditti itti dadhabe hunda nan jibbe. 19 Eenyutu akka inni ogeessa yookaan gowwaa taʼu beeka? Taʼus inni hojii ani aduudhaa gaditti yaalii fi ogummaa koo itti dhangalaase hundatti abbaa taʼa. Kunis faayidaa hin qabu. 20 Kanaafuu garaan koo sababii hojii koo dadhabsiisaa ani aduudhaa gaditti itti dadhabe hundaatiif abdii kutachuu jalqabe. 21 Namni tokko hojii isaa ogummaan, beekumsaa fi harka toliisaan hojjetee ergasii immoo waan qabu hunda nama homaa itti hin dadhabiniif dhiisuu qabaatii. Wanni kunis faayidaa hin qabu; hammina guddaadhas. 22 Namni tokko dadhabbii isaatiif yaalii cimaa aduudhaa gaditti godhe sana hundaaf maal argata? 23 Hojiin isaa bara jireenya isaa hunda rakkinaa fi gadda; sammuun isaa halkan iyyuu hin boqotu. Kunis waan faayidaa hin qabnee dha.
24 Namni nyaatee dhugee hojii isaatti gammaduu caalaa homaa gochuu hin dandaʼu. Ani akka wanni kun harka Waaqaatii dhufe nan arge; 25 Waaqaan malee eenyutu nyaachuu yookaan gammaduu dandaʼa? 26 Waaqni nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu kenna; nama cubbamaa garuu akka inni namicha Waaqa gammachiisuuf kennuuf jedhee hojii qabeenya walitti qabuutii fi kuusuu hojjetu godha. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.