Kitaaba
Lallabaa
1
Wanti Hundinuu Faayidaa Hin qabu
Dubbii lallabaa ilma Daawit, isa Yerusaalem keessaatti mootii taʼe sanaa:
Lallabichi, “Faayidaa hin qabu!
Faayidaa hin qabu!
Guutumaan guutuutti faayidaa hin qabu!
Wanni hundinuu faayidaa hin qabu” jedha.
 
Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti
itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata?
Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba;
lafti garuu bara baraan jiraatti.
Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi;
gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti.
Bubbeen gara kibbaatti bubbisa;
gara kaabaattis ni deebiʼa;
innis naannaʼuma naannaʼee deema;
karaa isaa irras deddeebiʼa.
Lagni hundi galaanatti yaaʼa;
galaanni garuu hin guutu.
Lageen garuma dhufanitti
deebiʼanii yaaʼu.
Wanni hundinuu hamma namni tokko
dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha.
Iji argee hin quufu;
yookaan gurri dhagaʼee hin guutu.
Wanni duraan ture ammas ni taʼa;
wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama;
aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
10 Wanni namni tokko, “Ilaa! Wanni kun haaraa dha”
jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa?
Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture;
bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.
11 Namoonni bara durii hin yaadataman;
kanneen dhufuuf jiranis
warra isaan duubaan dhufaniin hin yaadataman.
Ogummaan Faayidaa Hin qabu
12 Ani Lallabaan, Yerusaalem keessatti mootii Israaʼelin ture. 13 Ani waan samii gaditti hojjetame hunda ogummaadhaan quʼadhee qoradhee bira gaʼuuf of kenneen ture. Waaqni baʼaa ulfaataa akkamii nama irra kaaʼe! 14 Ani waan aduudhaa gaditti hojjetame hunda argeera; hundi isaanii iyyuu faayidaa hin qaban; kun akkuma nama bubbee ariʼuu ti.
15 Wanni jalʼifame tokko deebiʼee hin qajeelfamu;
wanni hin jirres lakkaaʼamuu hin dandaʼu.
16 Anis akkana jedheen yaade; “Kunoo, ani nama anaan dura Yerusaalemin bulchaa ture kam iyyuu caalaa guddadhee ogummaas dabaladheera; ani muuxannoo ogummaatii fi beekumsaa guddaa argadheera.” 17 Kanaafuu ani ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuufin of kenne; garuu ani akka wanni kunis bubbee ariʼuu taʼe nan baradhe.
18 Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii;
akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama.