4
Cunqursaa, Hojiidhaan Dadhabuu, Michuu Dhabuu
Ani ammas ilaalee cunqursaa aduudhaa gaditti adeemsifamaa jiru hunda nan arge:
Ani imimmaan cunqurfamtootaa nan arge;
nama isaan jajjabeessu tokko illees hin qaban;
humni gama cunqursitoota isaanii ture;
isaan nama isaan jajjabeessu tokko illee hin qaban.
Anis akka warri duʼan,
kanneen kanaan dura duʼan,
jiraattota amma lubbuudhaan jiraatan caalan nan labse.
Garuu namni hamma ammaatti hin dhalatin
kan hammina aduudhaa gaditti
hojjetamu hin argin,
lachan isaanii irra wayya.
Anis akka dadhabbiin hojii hundii fi milkaaʼuun hundi hinaaffaa namni ollaa isaa wajjin qabu irraa burqu nan arga. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
Gowwaan harka isaa maratee taaʼa;
foonuma ofii isaas nyaata.
Dadhabbii fi bubbee ariʼuudhaan
konyee lama argachuu irra
nagaan konyee tokko argachuu wayya.
Ani amma illee waan faayidaa hin qabne tokko aduudhaa gaditti nan arge:
Nama kophaa isaa jiraatu tokkotu jira;
innis ilma yookaan obboleessa hin qabu ture.
Yeroo hunda hojiitti dadhaba;
taʼus iji isaa qabeenya isaa ilaalee quufe hin jedhu.
Innis, “Ani eenyuuf jedheen dadhaba?
Maaliifan gammachuus of laga?” jedhee gaafate.
Kunis faayidaa hin qabu;
hojii buʼaa hin qabnee dha!
 
Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif
nama tokko irra nama lama wayya:
10 Yoo inni tokko kufe,
inni kaan ol isa qaba.
Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne
garaa nama nyaata!
11 Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa;
nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?
12 Namni tokko moʼatamuu dandaʼa;
namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu.
Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.
Caalanii Argamuun Faayidaa Hin qabu
13 Mootii dulloomaa fi gowwaa siʼachi gorsa hin fudhanne irra, dargaggeessa hiyyeessa ogeessa wayya. 14 Inni yoo hiyyumaan mootummaa sana keessatti dhalate iyyuu mana hidhaatii baʼee mootii taʼuu dandaʼaatii. 15 Ani akka namni aduudhaa gad jiraate hundi dargaggeessa mootii dhaalu sana duukaa buʼe nan arge. 16 Baayʼinni nama fuula isaanii dura jiruu hamma hin qabu ture. Warri duubaan dhufan garuu dargaggeessa dhaalu sanatti hin gammanne. Kun hundis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.