5
Waaqa Sodaadhu
Ati yeroo gara mana Waaqaa dhaqxu tarkaanfii kee eeggadhu. Dhaggeeffachuuf dhiʼaachuun aarsaa gowwootaa dhiʼeessuu caala; isaan akka hammina hojjechaa jiran hin beekaniitii.
Fuula Waaqaa duratti waan tokko dubbachuuf
afaan keetiin hin jarjarin;
garaan kees hin ariifatin.
Waaqni samii keessa jira;
ati immoo lafa irra jirta;
kanaafuu dubbiin kee haa gabaabbatu.
Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas
baayʼina dubbiitiin beekama.
Ati yeroo wareega tokko Waaqaaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi. Wareeganii of irraa baasuu dhiisuu mannaa wareeguu dhiisuu wayya. Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Ergamaa mana qulqullummaatiinis, “Wareegni koo dogoggora ture” hin jedhin. Waaqni maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa? Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Waaqa sodaadhu.
Badhaadhummaan Faayidaa Hin qabu
Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru. Faayidaan lafa irraa argamu kan nama hundaa ti; mootichi mataan isaa iyyuu qonna lafaa irraa fayyadama.
10 Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu;
nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu.
Kunis faayidaa hin qabu.
 
11 Akkuma qabeenyi baayʼatuun,
warri nyaatanis ni baayʼatu.
Yoos abbootiin qabeenyaa
ijumaan ilaaluu malee faayidaa maalii argatu ree?
 
12 Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu,
hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha;
baayʼinni qabeenyaa garuu
sooressa tokko hirriba dhowwa.
13 Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis:
qabeenya abbuma isaa miidhuuf kuufame,
14 yookaan qabeenya milkii dhabuudhaan badee
yeroo namichi sun ilma dhalchetti
ilma isaatiif homaa hin hafinii dha.
15 Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa;
inni akkuma dhufetti deebiʼee deema.
Inni waan itti dadhabe keessaa
waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu.
16 Kunis hammina nama gaddisiisuu dha:
Namni akkuma dhufetti deema;
inni waan bubbeedhaaf dadhabuuf
faayidaa maalii argata?
17 Inni bara jireenya isaa hunda yaaddoo,
dhukkubbii fi aarii guddaadhaan dukkana keessatti nyaata.
18 Anis akka namni bara jireenya isaa kan Waaqni isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii. 19 Akkasumas Waaqni nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Waaqaa ti. 20 Sababii Waaqni garaa isaa gammachuudhaan guuteef inni bara jireenya isaa baayʼee hin yaadatu.