Seera
Baʼuu
1
Israaʼeloonni Cunqurfaman
Maqaan ilmaan Israaʼel kanneen maatii isaanii qabatanii Yaaqoob wajjin Gibxi dhaqanii kanaa dha:
 
Ruubeen, Simiʼoon, Lewwii fi Yihuudaa;
Yisaakor, Zebuuloonii fi Beniyaam;
Daanii fi Niftaalem;
Gaadii fi Aasheer.
 
Namoonni sanyii Yaaqoob irraa dhalatan walumaa galatti torbaatama turan; Yoosef durumaanuu Gibxi ture.
 
Yoosefii fi obboloota isaa hundi, dhaloonni sun hundinuus, ni duʼan. Israaʼeloonni garuu horanii akka malee baayʼatan; baayʼataniis akka malee jabaatan; biyyattii keessas ni guutan.
Ergasii mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe. Innis saba isaatiin akkana jedhe; “Kunoo, Israaʼeloonni nu caalaa baayʼataniiru; nu caalaas jabaataniiru. 10 Kottaa akka isaan kana caalaa hin baayʼanneef, yoo waraanni kaʼes diinota keenya gargaaranii akka nu hin waraannee fi akka biyyattii keessaa baqatanii hin baaneef haxxummaadhaan isaan qabna.”
11 Kanaafuu itti gaafatamtoota isaan cunqursanii hojii humnaa hojjechiisan isaanitti muudan; Israaʼeloonnis Fiitoomii fi Raamsee magaalaawwan waa itti kuusan godhanii Faraʼooniif ijaaran. 12 Isaan garuu hamma cunqursaan isaanitti jabaachaa deeme sana baayʼatanii lafa guutan; kana irratti warri Gibxi saba Israaʼel sodaatan. 13 Warri Gibxis Israaʼelootatti gara jabinaan isaan hojjechiifatan. 14 Isaanis suphee fi xuubii hojjechiisuudhaan, lafa qotiisaa keessas hojii garaa garaa hunda hojjechiisuudhaan hojii itti cimsanii jireenya isaanitti hadheessan; warri Gibxi hojii jabaa jara hojjechiisan hunda keessatti garaa isaaniif hin laafan ture.
15 Mootiin Gibxi deessistoota Ibrootaa kanneen Siipaaraa fi Fuuhaa jedhamaniin akkana jedhe; 16 “Isin yommuu dubartoota Ibrootaa daʼumsa irratti gargaartanii fi barcuma daʼumsaa irratti isaan argitan, yoo dhiira taʼe ajjeesaa; yoo durba taate immoo haa jiraattuu dhiisaa.” 17 Deessistoonni sun garuu waan Waaqa sodaataniif, waan mootiin Gibxi isaanitti hime sana hin goone; ijoollee dhiiraas akka isaan jiraataniif dhiisan. 18 Mootiin Gibxis deessistoota sana ofitti waamee, “Isin maaliif waan kana gootan? Maaliifis ijoollee dhiiraa akka isaan jiraataniif dhiiftan?” jedhee isaan gaafate.
19 Deessistoonni sunis, “Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota warra Gibxi miti; isaan waan jajjaboo taʼaniif utuu deessistoonni isaan bira hin gaʼin daʼanii nama eegu” jedhanii Faraʼooniif deebisan.
20 Waaqnis deessistoota sanaaf waan gaarii godhe; Israaʼeloonnis baayʼatanii akka malee jabaatan. 21 Sababii isaan Waaqa sodaataniif Waaqni deessistoota sanaaf maatii ofii isaanii kenneef.
22 Kana irratti Faraʼoon, “Ilma dhalatu hunda laga Abbayyaa keessa buusaa; durbi hundi garuu haa jiraattuu dhiisaa” jedhee saba isaa hunda ajaje.