50
Yoosefis abbaa isaa irratti kufee booʼeef; isa dhungates. Ergasii immoo Yoosef tajaajiltoota isaa kanneen ogeessota fayyaa taʼan akka isaan reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuuman ajaje; jarris reeffa Israaʼel qorichaan sukkuuman; waan kana gochuun bultii afurtama guutuu isaanitti fudhate; yeroon qoricha reeffa dibuuf barbaachisu kana tureetii. Warri Gibxiis bultii torbaatama isaaf booʼan.
Guyyoonni gaddaa darbinaan Yoosef warra mana Faraʼoon jiraataniin akkana jedhe; “Yoo ani fuula keessan duratti fudhatama argadheera taʼe, akkana jedhaatii Faraʼoonitti naa himaa: ‘Abbaan koo akkana jedhee na kakachiiseera; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; awwaala ani biyya Kanaʼaan keessatti ofii kootiif qotadhetti na awwaalaa.” Kanaafuu maaloo ani amma dhaqee abbaa koo nan awwaalladha; ergasii immoo nan deebiʼa.’ ”
Faraʼoonis, “Dhaqiitii akkuma inni si kakachiise sanatti abbaa kee awwaalladhu” jedheen.
Yoosefis abbaa isaa awwaallachuu dhaqe. Qondaaltonni Faraʼoon hundinuu hangafoonni mana isaatii fi hangafoonni Gibxi hundi isa wajjin deeman. Akkasumas warri mana Yoosef jiraatan, obboloota isaatii fi warri mana abbaa isaa jiraatan hundi isa wajjin deeman. Ijoollee isaanii, bushaayee isaaniitii fi loon isaanii qofattu, Gooshenitti hafe. Gaariiwwanii fi warri farda yaabbatanis isa wajjin deeman. Tuunni sunis akka malee guddaa ture.
10 Isaanis yommuu Yordaanos gama oobdii Axaad bira gaʼanitti sagalee isaanii ol fudhatanii gadoodanii booʼan. Yoosefis achitti abbaa isaatiif guyyaa torba booʼe. 11 Namoonni Kanaʼaan warri achi jiraachaa turan booʼicha oobdii Axaad biratti booʼame sana arganii, “Booʼichi kun warra Gibxiitiif booʼicha guddaa dha” jedhan. Kanaafuu iddoon sun Abeel Misraayim jedhamee moggaafame. Iddoon sunis Yordaanos gamatti argama.
12 Ilmaan Yaaqoob akkuma inni isaan ajaje sana godhan; 13 isaanis biyya Kanaʼaanitti isa geessanii holqa Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuudhaaf Efroon namicha gosa Heeti sana irra lafa qotiisaa wajjin bitate sanatti awwaalan. 14 Yoosef erga abbaa isaa awwaallatee booddee obboloota isaatii fi warra isa wajjin abbaa isaa awwaaluu dhaqan hunda wajjin Gibxitti deebiʼe.
Yoosef Obboloota Isaa Jajjabeesse
15 Obboloonni Yoosef erga abbaan isaanii duʼee booddee, “Yoo Yoosef hamaa nu isatti hojjennee hundaaf haaloo qabatee haaloo nutti baʼe hoo?” jedhan. 16 Isaanis akkana jedhanii Yoosefitti dhaammatan; “Abbaan kee utuu hin duʼin dura akkana jedhee ajaje; 17 ‘Isin akkana jedhaa Yoosefitti himaa; ani akka ati cubbuu fi balleessaa obboloonni kee si miidhuuf jedhanii sitti hojjetan sana isaanii dhiiftu sin kadhadha.’ Maaloo cubbuu tajaajiltoota Waaqa abbaa keetii dhiisi.” Yoosefis yommuu ergaa isaanii dhagaʼetti ni booʼe.
18 Obboloonni isaas dhufanii fuula isaa duratti lafa dhaʼanii, “Kunoo nu garboota kee ti” jedhan.
19 Yoosef garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Anatu iddoo Waaqaa buʼaa? 20 Isin hamaa natti yaaddan; Waaqni garuu akkuma amma taʼee jiru kana lubbuu nama baayʼee baraaruuf jedhee waan gaariif yaade. 21 Egaa hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan nan sooraatii.” Innis waan garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee isaan jajjabeesse.
Yoosef Duʼuu Isaa
22 Yoosef maatii abbaa isaa wajjin Gibxi keessa ture. Innis waggaa dhibba tokkoo fi kudhan jiraate. 23 Dhaloota sadaffaa ijoollee Efreem arge. Akkasumas ilmaan Maakiir ilma Minaasee jilba Yoosef irratti dhalatan.
24 Yoosefis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Ani duʼuu gaʼeera. Waaqni garuu dhugumaan dhufee isin gargaara; biyya kanaa isin baasees gara biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakuun waadaa gale sanaatti isin geessa.” 25 Yoosefis ijoollee Israaʼel kakachiisee akkana jedheen; “Waaqni dhugumaan dhufee isin gargaara; isinis lafee koo biyya kanaa ol baasuu qabdu.”
26 Yoosefis waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. Jarris qorichaan sukkuumanii Gibxitti sanduuqa reeffaa keessa isa kaaʼan.