25
Kennaa Dunkaana Qulqulluuf Walitti Qabamu
25:1‑7 kwf – Bau 35:4‑9
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa.
 
“Kennaan isaan harkaa fuutanis:
 
“Warqee, meetii fi naasii;
kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame;
rifeensa reʼee;
gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame,
muka laaftoo,
ibsaadhaaf, zayitii ejersaa,
urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf;
dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha.
 
“Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha. Dunkaana qulqulluu kanaa fi miʼa isaa hunda akkuma bifa ani sitti argisiisuutti hojjedhaa.
Taabota
25:10‑20 kwf – Bau 37:1‑9
10 “Isaan muka laaftoo irraa taabota haa tolchan; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture. 11 Keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffisi; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessii tolchi. 12 Taabota sanaafis qubeelaa warqee afur tolchiitii miilla isaa afranitti jechuunis lama gama tokkoon, lama immoo gama kaaniin itti kaaʼi. 13 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqee itti uffisi. 14 Taaboticha ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loosi. 15 Danqaraawwan kunneen qubeelaawwan taabotichaa keessa haa turan; keessaa baafamuus hin qaban. 16 Atis dhuga baʼumsa ani sitti kennu Taaboticha keessa kaaʼi.
17 “Warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolchi; dheerinni isaas dhundhuma lamaa fi walakkaa, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu. 18 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi. 19 Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi. 20 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan. 21 Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi. 22 Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima.
Minjaala
25:23‑29 kwf – Bau 37:10‑16
23 “Muka laaftoo irraa minjaala dhundhuma lama dalga dheeratu, kan dhundhuma tokko balʼatee ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tolchi. 24 Warqee qulqulluu itti uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee tolchi. 25 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchi. 26 Minjaala kanaafis qubeelaa warqee afur hojjedhuutii goleewwan afranitti iddoo miilli afran jiranitti kaaʼi. 27 Qubeelaawwan kunneenis akka danqaraa ittiin minjaala baatan qabataniif xiyyoo sanatti dhiʼaachuu qabu. 28 Muka laaftoo irraa loosawwan tolchi; warqee itti uffisiitii minjaala sana ittiin baadhu. 29 Dhibaayyuu dhiʼeessuufis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, okkoteewwan isaatii fi waciitiiwwan isaa warqee qulqulluu irraa tolchi. 30 Buddeena ilaalchaas yeroo hunda fuula koo dura minjaala kana irra kaaʼi.
Baattuu Ibsaa
25:31‑39 kwf – Bau 37:17‑24
31 “Baattuu ibsaas warqee qulqulluu irraa tolchi; baattuun ibsaa kunis tumamee haa tolfamu; somaa isaa, damee isaa, waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa warqeedhuma sana irraa tolchi. 32 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon, sadii immoo gama kaaniin haa baafaman. 33 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchi; dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchi. 34 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin hojjetaman afur baattuu ibsaa sana irra haa jiraatan. 35 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture. Walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture. 36 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa haa tolfaman.
37 “Atis ibsaawwan torba tolchiif; akka lafa fuula isaanii dura jiru ibsaniifis baattuu ibsaa irra isaan dhadhaabi. 38 Wanni ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi caabiin daaraa sana baattu warqee qulqulluu irraa haa hojjetaman. 39 Baattuun ibsaatii fi miʼi isaa hundi warqee qulqulluu taalaantii tokkootiin haa hojjetamani. 40 Atis akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu.