26
Dunkaana Qulqulluu
26:1‑37 kwf – Bau 36:8‑38
“Golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu hojjedhu; golgaawwan sana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko kiirubeelii haa hojjetu. Golgaawwan hundinuu wal qixxee haa taʼan; dheerinni tokkoo tokkoo golgaawwanii dhundhuma digdamii saddeeti, balʼinni isaa immoo dhundhuma afur haa taʼu. Golgaawwan shan walitti qabsiisi; golgaawwan hafan shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisi. Golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchi; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolchi. Gurroowwan shantama golgaa tokko irratti tolchi; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa moggaa isa tokkootti tolchi. Gurroowwan sunis gamaa gamanatti haa tolfaman. Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchiitii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisi.
“Haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu irra jiru haguuguufis golgaawwan rifeensa reʼootaa kudha tokko hojjedhu. Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee haa taʼan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur haa taʼu. Golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaawwan jaʼan kaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaa jaʼaffaa sanas fuula dunkaanichaa duraan iddoo lamatti ol dachaasi. 10 Golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi. 11 Ergasiis qabduuwwan naasii shantama tolchi; qabduuwwan sanas akka inni tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf gurroowwan keessa galchi. 12 Wanni golgaawwan dunkaanichaa irraa hafe, walakkaan golgaa hafe sanaa dugda dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu. 13 Akka dunkaana qulqulluu sana haguuguufis dheerina golgaawwan dunkaanicha irraa hafe keessaa dhundhumni tokko gama tokkoon, dhundhumni tokko immoo gama kaaniin bitaa fi mirgaan dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu. 14 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjedhu.
15 “Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjedhu. 16 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu; 17 tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama haa qabaatu; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchi. 18 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjedhu; 19 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchi. 20 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchi; 21 miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchi. 22 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa tolchi; 23 karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchi. 24 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti haa qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkasuma taʼuu qabu. 25 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu jira; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba.
26 “Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchi; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan, 27 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif dagaleewwan shan, shan tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchi. 28 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhi. 29 Tuggeewwan sana irras warqee itti uffisi. Akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchi; dagaleewwan sanas akkasuma warqee itti uffisi.
30 “Dunkaana qulqulluu kana akkuma karoora tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti dhaabi.
31 “Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tulchi; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii haa tolchu. 32 Golgaa kana hokkoo warqeetiin utubaawwan muka laaftoo kanneen warqeen itti uffifamee miilla meetii afur irra dhadhaabatan afuritti rarraasi. 33 Golgaa sana hokkoowwanitti rarraasiitii taabota kakuu seeraa immoo dugda isaa duubaan kaaʼi. Golgaan sunis Iddoo qulqulluu, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana irraa addaan baasa. 34 Teessoo araaraas Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana keessa taabota kakuu seeraa irra kaaʼi. 35 Minjaala sanas golgaadhaan ala, gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dhaabi; baattuu ibsaa immoo fuullee minjaala sanaa gama kibba dunkaanichatiin dhaabi.
36 “Balbala dunkaanichaatiif immoo golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessii tolchi. 37 Golgaa kanaafis hokkoo warqeetii fi utubaa muka laaftoo kan warqeen itti uffifame shan tolchi. Naasii tumiitii miilla shan tolchiif.