31
Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab
31:2‑6 kwf – Bau 35:30‑35
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera; ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera; Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf; akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera.
 
“Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera.
 
“Isaanis dunkaana wal gaʼii,
taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru,
miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis
minjaalaa fi miʼa isaa,
baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda,
iddoo aarsaa ixaanaa,
iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda,
gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,
10 wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman,
wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi
wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,
11 Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan.
 
“Isaan akkuma ani si ajaje sanatti haa hojjetan.”
Sanbata
12  Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 13 “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin Sanbattoota koo eegaa. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif kun dhaloota dhufu keessatti anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼa.
14 “ ‘Waan Sanbanni isiniif qulqulluu taʼeef isa eegaa. Namni Sanbata xureessu haa ajjeefamu; namni guyyaa sana hojii hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu. 15 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun Waaqayyoof qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. 16 Israaʼeloonni Sanbata kana kakuu bara baraa godhatanii dhaloota dhufu keessa haa eegan. 17 Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’ ”
18  Waaqayyo akkuma Gaara Siinaa irratti Museetti dubbatee raawwateen gabatee dhugaa lamaan jechuunis gabateewwan dhuga baʼumsaa kanneen qubni Waaqaa irratti barreesse sana isatti kenne.