32
Jabbii Warqee Irraa Hojjetame
Sabni sunis yommuu akka Museen tulluu irra ture argetti Aroonin marsee, “Musee namicha biyya Gibxiitii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii kaʼii waaqota nu dura deeman nuu tolchi” jedhe.
Aroon immoo, “Warqee gurraa kan niitonni keessan, ilmaan keessanii fi intallan keessan keeyyatan irraa baasaatii natti fidaa” jedhee deebiseef. Namoonni hundinuu warqee gurra isaanii of irraa baasanii Aroonitti fidan. Innis warqee sana isaan harkaa fuudhee miʼa ittiin hojjetaniin baqsee Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin hojjetame tokko tolche; isaanis, “Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha” jedhan.
Aroonis yommuu waan kana argetti fuula jabbii sanaa duratti iddoo aarsaa ijaaree, “Bori Waaqayyoof ayyaanni ni ayyaaneffama” jedhee labse. Isaanis guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanii, aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas fidan. Kana irratti nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii gad buʼi. Isaan dafanii karaa ani isaan ajaje irraa jalʼataniiru; Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin baqfamee qopheeffame illee ofii isaaniitiif tolfatanii aarsaa dhiʼeessaniifii, ‘Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha’ jedhanii isa waaqeffataniiru.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; ‘Kunoo, ani akka sabni kun mata jabeessa taʼe argeera. 10 Kanaafuu akka aariin koo isaanitti bobaʼuu fi akka ani isaan balleessuuf na dhiisi. Yommus ani saba guddaa si taasisa.’ ”
11 Museen garuu fuula gargaarsa Waaqayyo Waaqa isaa barbaaddate; akkanas jedhe; “Yaa Waaqayyo, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa? 12 Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin. 13 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan samii irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu.” 14 Kana irratti Waaqayyo yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise.
15 Museenis gabateewwan kakuu lamaan sana harkatti qabatee deebiʼee tulluu irraa gad buʼe. Gabatee sana irrattis karaa lachuu, duraa duubaan barreeffamee ture. 16 Gabateewwan sanas Waaqatu hojjete; katabbiin sunis katabbii Waaqaa kan gabateewwan sana irratti soofamee barreeffamee dha.
17 Iyyaasuunis yommuu waca namootaa dhagaʼetti Museedhaan, “Iddoo buufataa keessa sagalee waraanaatu jira” jedhe.
18 Museen immoo akkana jedhee deebise:
“Sagaleen ani dhagaʼu kun
sagalee sirbaati malee sagalee mooʼuu,
yookaan sagalee moʼatamuu miti.”
19 Museenis akkuma iddoo qubataatti dhiʼaatee jabbii fi shuubbisa sana argeen aaree gubate; gabateewwan sana harka isaa irraa darbatee tulluu sana jalatti caccabse. 20 Innis jabbii jarri tolchan sana fuudhee ibiddaan gube; daakee bulleessees bishaanitti firfirsee Israaʼeloota obaase.
21 Museenis Arooniin, “Sabni kun maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkasii keessa isaan buufte?” jedhe.
22 Aroon immoo deebisee akkana jedhe; “Yaa gooftaa ko, aartee hin gubatin; akka sabni kun gara hamminaatti jalʼatu atuu beekta. 23 Isaan, ‘Musee namicha Gibxii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii waaqota nu dura deeman nuu tolchi’ naan jedhan. 24 Anis, ‘Namni warqee qabu of irraa haa baasu’ jedheen; isaanis warqee sana natti kennan; anis ibidda keessa nan buuse; inni immoo jabbii taʼee baʼe!”
25 Museen akka sabni sun gad dhiisiitti jiraate, Aroonis akka isaan toʼannaadhaan ala taʼan akka godhee fi akka isaan diinota isaanii birattis waan kolfaa taʼan arge. 26 Kanaafuu Museen karra qubataa dura dhaabatee, “Mee warri gara Waaqayyo gortan hundi gara koo kottaa” jedhe. Lewwonni hundis isa biratti walitti qabaman.
27 Ergasii inni akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Tokkoon tokkoon namaa mudhii isaatti goraadee haa hidhatu; tokkoon tokkoon namaas qubata sana keessa karra tokko irraa gara karra kaaniitti asii fi achi deemee obboloota isaa, michoota isaatii fi ollaa isaa haa ajjeesu.’ ” 28 Lewwonnis akkuma Museen isaan ajaje godhan; guyyaa sana saba sana keessaa nama gara kuma sadiitu duʼe. 29 Museenis, “Isin waan ilmaan keessanii fi obboloota keessanitti kaataniif harʼa Waaqayyoof addaan baafamtaniirtu; innis guyyaa harʼaa isin eebbiseera” jedhe.
30 Museen guyyaa itti aanutti saba sanaan, “Isin cubbuu guddaa hojjettaniirtu. Garuu ani amma gara Waaqayyootti ol nan baʼa; tarii ani cubbuu keessaniif araara nan buusa taʼa” jedhe.
31 Museenis deebiʼee gara Waaqayyoo dhaqee akkana jedhe; “Wayyoo! Sabni kun cubbuu akkam guddaa hojjete! Isaan ofii isaaniitiif waaqota warqee tolfataniiru. 32 Taʼus maaloo amma cubbuu isaanii dhiisiif; yoo kanaa achi kitaaba barreessite sana keessaa maqaa koo haqi.”
33  Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Ani nama cubbuu natti hojjete kitaaba koo irraa nan haqa. 34 Amma kaʼiitii gara lafa ani sitti hime sanaatti saba kana qajeelchi; kunoo ergamaan koos fuula kee dura ni deema. Garuu gaafa yeroon ani isaan adabu gaʼutti ani cubbuu isaaniitiif isaan nan adaba.”
35 Sababii balleessaa isaan jabbii Aroon tolche sanaan hojjetaniitiif Waaqayyo balaadhaan saba sana dhaʼe.