5
Xuubii Cidii Hin qabne
Ergasii Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii, “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Akka inni gammoojjiitti ayyaana naa ayyaanessuuf saba koo gad dhiisi.’ ”
Faraʼoon immoo, “Akka ani isaaf ajajamee Israaʼelin gad dhiisuuf Waaqayyo kun eenyu? Ani Waaqayyo sana hin beeku; Israaʼelinis gad hin dhiisu” jedhe.
Isaanis akkana jedhan; “Waaqni Ibrootaa nutti dhufeera. Akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami; akkas taʼuu baannaan inni dhaʼichaan yookaan goraadeedhaan nu dhaʼa.”
Mootiin Gibxi garuu, “Yaa Musee fi Aroon, isin maaliif saba kana hojii dhowwitu? Hojii keessanitti deebiʼaa!” isaaniin jedhe. Faraʼoonis ittuma fufee, “Kunoo sabni biyyattii amma baayʼateera; isin immoo hojii isaan dhowwaa jirtu” jedhe.
Guyyuma sana Faraʼoon akkana jedhee itti gaafatamtoota hojiitii fi qondaaltota sabaa ajaje; “Siʼachi xuubii hojjechuudhaaf saba kanaaf cidii hin kenninaa; isaan ofuma isaaniitii dhaqanii cidii haa barbaaddatan. Garuu akka isaan lakkoobsa xuubii kan duraan hojjechaa turan sana hojjetan godhaa; hamma isaanitti ramadame hin hirʼisinaa. Isaan dhibaaʼoo dha; kanaafuu, ‘Nu dhaqnee Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessina’ jedhanii iyyaa jiru. Akka isaan hojiidhaan qabamanii dubbii sobaatiif xiyyeeffannoo hin kennineef hojii isaanitti cimsaa.”
10 Itti gaafatamtoonni hojiitii fi qondaaltonni sabaa gad yaaʼanii saba sanaan akkana jedhan; “Faraʼoon akkana jedha: ‘Ani siʼachi cidii isinii hin kennu. 11 Lafa itti argachuu dandeessan dhaqaatii ofii keessanii cidii barbaaddadhaa; hojiin keessan garuu gonkumaa hin hirʼatu.’ ” 12 Sabni sun qooda cidii, haafa walitti qabachuuf jedhee biyya Gibxii guutuu keessa faffacaʼe. 13 Itti gaafatamtoonni sunis, “Isin hojii keessan kan guyyaa guyyaa akkuma yeroo cidiin ture sanaatti hojjedhaa raawwadhaa” jedhanii isaan jarjarsaa turan. 14 Israaʼeloonni qondaaltota hojii taʼan kanneen itti gaafatamtoota garboota Faraʼooniin muudamanis reebamanii, “Isin kaleessaa fi harʼa maaliif qooda xuubii kan akka hojjettaniif isinii ramadame sana akkuma duriitti hin guuttanne?” jedhamanii gaafatamaa turan.
15 Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼanis dhaqanii akkana jedhanii Faraʼoonitti iyyatan; “Ati maaliif tajaajiltoota kee akkas goota? 16 Cidiin tajaajiltoota keetiif hin kennamu; taʼus, ‘Xuubii hojjedhaa!’ nuun jedhan. Kunoo tajaajiltoonni kee reebamaa jiru; balleessaan garuu kanuma saba keetii ti.”
17 Faraʼoonis akkana jedhe; “Isin dhibaaʼoo dha; isin dhibaaʼoo dha! Kanaafuu isin, ‘Nu dhaqnee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessina’ jettan. 18 Amma dhaqaatii hojjedhaa; cidiin isiniif hin kennamu; garuu xuubii isinitti ramadame hojjetanii guutuu qabdu.”
19 Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼan yommuu, “Isin lakkoobsa xuubii kan guyyaa guyyaatti akka hojjettaniif isin irraa eegamu sana hirʼisuu hin qabdan” jedhamee isaanitti himametti akka rakkina keessa seenan hubatan. 20 Yeroo Faraʼoon biraa gad baʼanitti utuu Musee fi Aroon isaan eeganuu argatan; 21 isaanis, “Waan isin akka Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa nu xireeffatan gootanii akka isaan nu ajjeesaniif goraadee harka isaanii keessa keessaniif Waaqayyo isinitti haa ilaalu; isinitti haa murus!” jedhan.
Waaqni Furama Abdachiise
22 Museen gara Waaqayyootti deebiʼee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ati maaliif saba kanatti rakkina fidde? Ati kanaaf na ergitee? 23 Gaafa ani maqaa keetiin dubbachuuf Faraʼoon bira dhaqee jalqabee inni saba keetti rakkinuma fidaa jira; ati garuu gonkumaa saba kee hin furre.”