6
Waaqayyos Museedhaan, “Amma waan ani Faraʼoon irratti hojjedhu ati ni argita: sababii irree koo jabaa sanaatiif mootichi gad isaan dhiisa; sababii irree koo jabaa sanaatiifis mootichi biyya isaa keessaa isaan ariʼa” jedhe.
Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Ani Waaqayyo. Ani akka Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuttan Abrahaamitti, Yisihaaqittii fi Yaaqoobitti mulʼadhe; garuu maqaa koo Waaqayyoon isaanitti of hin beeksifne. Akkasumas ani biyya Kanaʼaan lafa isaan akka alagaatti keessa jiraattan sana isaanii kennuuf jedhee isaan wajjin kakuu galeera. Kana irrattis, ani aaduu saba Israaʼel kanneen warra Gibxiin garboomfaman sanaa dhagaʼee kakuu koo yaadadheera.
“Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani Waaqayyo; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura. Ani akka saba ofii kootti isin fudhadha; Waaqa keessan nan taʼa. Yeroo sana isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan kan waanjoo warra Gibxi jalaa isin baase taʼe ni beektu. Ani biyya isan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf harka koo ol qabadhee kakadhe sanatti isin nan galcha. Dhaala godhees isiniif kenna. Ani Waaqayyo.’ ”
Museenis waan kana saba Israaʼelitti hime; isaan garuu waan abdii kutatanii fi garbummaa hamaa keessa turaniif isa hin dhageenye.
10  Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 11 “Dhaqiitii akka inni biyya isaa keessaa Israaʼeloota gad lakkisuuf Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
12 Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo Israaʼeloonni na hin dhageenye; yoos Faraʼoon akkamitti na dhagaʼa ree? Afaan koo qajeelchee hin dubbatatuutii” jedhe.
Hidda Dhaloota Musee fi Aroon
13  Waaqayyo garuu waaʼee Israaʼelootaatii fi waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi Musee fi Aroonitti dubbatee akka isaan saba Israaʼel Gibxii baasan isaan ajaje.
 
14 Hangafoonni balbalawwan isaanii kanneenii dha:
 
Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa:
Henook, Faluus, Hezroonii fi Karmii.
Warri kunneen gosoota Ruubeen.
 
15 Ilmaan Simiʼoon:
Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zoohar, Shaawul ilma dubartittii Kanaʼaan.
Isaan kunneen maatiiwwan Simiʼoon.
 
16 Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha:
Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
Lewwiin waggaa 137 jiraate.
17 Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti:
Loobeenii fi Shimeʼii.
18 Ilmaan Qohaati:
Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
Qohaati waggaa 133 jiraate.
19 Ilmaan Meraarii:
Mahilii fi Muusii.
Isaan kunneenis akkuma dhaloota isaaniitti maatiiwwan Lewwii ti.
 
20 Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Aroonii fi Musee deesseef.
(Amraam waggaa 137 jiraate.)
21 Ilmaan Yizihaar:
Qooraahi, Naafegii fi Zikrii.
22 Ilmaan Uziiʼeel:
Miishaaʼeel, Elzaafaanii fi Sitrii.
23 Aroon intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef.
 
24 Ilmaan Qooraahi:
Asiir, Elqaanaa fi Abiiʼaasaaf.
Isaan kunneenis maatiiwwan Qooraahii ti.
 
25 Eleʼaazaar ilmi Aroon intallan Fuutʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef.
 
Isaan kunneenis akkuma maatiiwwan isaaniitti hangafoota balbala Lewwii ti.
 
26 Aroonii fi Museen warri Waaqayyo, “Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa” jedheen sun isaanuma kana. 27 Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Musee fi Aroon isaanuma kana.
Aroon Qooda Musee Dubbachuu Isaa
28  Waaqayyo yeroo Gibxi keessatti Museetti dubbate sana 29 akkana jedheen; “Ani Waaqayyoo dha. Waan ani sitti himu hunda Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
30 Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo, ani waan afaan koo qajeelchee dubbachuu hin dandeenyeef Faraʼoon akkamiin na dhagaʼa?” jedhe.