22
Abrahaam Qorame
Yeroo muraasa booddee Waaqni Abrahaamin qore. Innis, “Abrahaam!” jedhee isa waame.
Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
Waaqnis akkana jedheen; “Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi.”
Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Waaqni isatti hime sanaatti qajeele. Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol ilaalee iddoo sana fagootti arge. Innis hojjettoota isaatiin, “Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa” jedhe.
Abrahaamis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu, Yisihaaq, “Yaa abbaa koo” jedhee abbaa isaa Abrahaamitti dubbate.
Abrahaamis, “Asan jira ilma koo” jedhee deebise.
Yisihaaqis deebisee, “Ibiddii fi qoraan kunoo ti; hoolaan qalma gubamuuf taʼu immoo eessa jira?” jedhe.
Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan.
Yeroo iddoo Waaqni isatti hime sana gaʼanitti, Abrahaam iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse. 10 Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate. 11 Ergamaan Waaqayyoo garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame.
Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
12 Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe.
13 Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse. 14 Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.
15 Ergamaan Waaqayyoo sunis samii keessaa lammata Abrahaamin waamee 16 akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha; 17 ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu. 18 Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama.”
19 Ergasii Abrahaam tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis walumaan Bersheebaatti qajeelan; Abrahaamis Bersheebaa keessa jiraate.
Ilmaan Naahoor
20 Yeroo muraasa booddee akkana jedhamee Abrahaamitti himame; “Kunoo, Miilkaan obboleessa kee Naahooriif ilmaan deesseerti;
21 ilmaan isheen deesses inni hangafni Uuzi, obboleessi isaa Buuz,
abbaan Arraam immoo Qamuʼeel,
22 Keseedi, Hazoo, Fiildaas, Yiidlaafii fi Betuuʼeel jedhamu.”
23 Betuuʼeel Ribqaa dhalche.
Miilkaan isaan kana saddeettan Naahoor obboleessa Abrahaamiif deesse.
 
24 Naahor saajjatoo Reʼuumaa jedhamtu tokko qaba ture;
isheen ilmaan Xebaa, Gaham, Tahaashii fi Maʼakaa jedhaman deesseef.