23
Saaraan Duʼuu ishee
Saaraan waggaa dhibba tokkoo fi digdamii torba jiraatte; barri jireenya Saaraas kanuma ture. Isheenis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon biyya Kanaʼaan keessaa sanatti duute; Abrahaamis Saaraadhaaf gadduu fi booʼuudhaaf jedhee dhaqe.
Abrahaam reeffa niitii isaa biraa kaʼee Heetotaan akkana jedhe; “Ani gidduu keessanitti ormaa fi keessummaa dha. Akka ani duʼaa koo itti awwaalladhuuf lafa awwaalaaf taʼu natti gurguraa.”
Heetonnis akkana jedhanii Abrahaamii fi deebii kennan; “Gooftaa, nu dhagaʼi. Ati nu gidduutti shuumii jabaa dha. Duʼaa kee iddoo awwaala keenyaa keessaa kan akka malee filatamaa taʼetti awwaalladhu. Nu keessaa namni iddoo awwaala isaatti duʼaa kee awwaallachuu si dhowwatu tokko iyyuu hin jiru.”
Abrahaamis ol kaʼee fuula namoota biyya sanaa fuula Heetotaa duratti gad jedhee harka fuudhe. Akkanas isaaniin jedhe; “Ani duʼaa koo akkan awwaalladhu fedhii yoo qabaattan na dhagaʼaatii Efroon ilma Zoohar sana naa kadhadhaa. Innis holqa Makfelaa jedhamu kan qarqara lafa qotiisaa isaatti argamu sana natti ni gurgura. Inni iddoo awwaalaa sana gatii guutuudhaan fuula keessan duratti akka natti gurguruuf naa gaafadhaa.”
10 Efroon Heetichi saba isaa gidduu taaʼaa ture; innis utuma Heetonni gara karra magaalaa isaa dhufan sun hundi dhagaʼanuu akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne; 11 “Gooftaa ko, akkana miti; mee na dhaggeeffadhu; ani lafa qotiisaa kana siif nan kenna; holqa achi jirus siif nan kenna; ani fuula saba koo duratti holqa kana siifin kenna; duʼaa kee itti awwaalladhu.”
12 Abrahaam amma illee fuula saba biyya sanaa duratti gad jedhee harka fuudhee, 13 utuma isaan dhagaʼanuu Efrooniin, “Yoo fedhii kee taʼe, na dhagaʼi. Ani gatii lafa qotiisaa kanaa nan kaffala. Akka ani duʼaa koo achitti awwaalladhuuf gatii kana na harkaa fudhadhu” jedhe.
14 Efroonis akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne; 15 “Gooftaa ko, mee na dhagaʼi; gatiin lafa kanaa meetii saqilii dhibba afur taʼa; garuu kun anaa fi si gidduutti maali? Duʼaa kee itti awwaalladhu.”
16 Abrahaamis waan Efroon dubbate sana fudhatee gatii inni utuma Heetonni dhagaʼanuu himate sana madaaleef; gatiin sunis akka madaalii daldaltoota yeroo sanaatti meetii saqilii dhibba afur ture.
17 Akkasitti lafti qotiisaa Efroon kan fuula Mamree dura, Makfelaa keessa jiru sun jechuunis lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru, mukni daangaa lafa qotiisaa sana keessa jiru hundi, 18 fuula Heetota gara karra magaalaa dhufan hundaa duratti akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame. 19 Ergasii Abrahaam biyya Kanaʼaan keessa, holqa Makfelaa kan Mamree bira jechuunis Kebroon bira jiru sanatti niitii isaa Saaraa Awwaallate. 20 Akkasitti lafa qotiisaa sunii fi holqi achi keessaa akka lafa awwaalaa taʼuuf Heetota irraa akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame.