35
Yaaqoob Beetʼeelitti Deebiʼe
Waaqni Yaaqoobiin, “Kaʼiitii Beetʼeelitti ol baʼii achi jiraadhu; achittis Waaqa yeroo ati obboleessa kee Esaawun baqatetti sitti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa tolchi” jedhe.
Yaaqoob warra mana isaa jiranii fi warra isa wajjin turan hundaan akkana jedhe; “Waaqota ormaa kanneen isin of biraa qabdan irraa fagaadhaa; of qulqulleessaa; uffata keessanis geeddaradhaa. Kottaa kaanee Beetʼeelitti ol baanaa; anis achitti Waaqa gaafa rakkina kootii deebii naa kenne isa iddoo ani dhaqe hundumatti na wajjin ture sanaaf iddoo aarsaa nan tolcha.” Isaanis waaqota ormaa kanneen isaan of biraa qaban hundaa fi lootii gurra isaanii Yaaqoobitti kennan; Yaaqoobis fuudhee qilxuu Sheekemii jalatti awwaale. Isaanis kaʼanii qajeelan; akka namni tokko iyyuu isaan duukaa hin buuneef naasisuun Waaqaa magaalaawwan naannoo isaanii jiran irra buʼe.
Yaaqoobii fi namoonni isa wajjin turan hundi gara Luuzi kan Beetʼeel jedhamtuu ishee biyya Kanaʼaan keessatti argamtu sanaa dhufan. Innis achitti iddoo aarsaa tolchee sababii yeroo inni obboleessa isaa jalaa baqachaa turetti Waaqni achitti isatti of mulʼiseef iddoo sana El Beetʼeel jedhee waame.
Debooraan guddiftuun Ribqaa duutee Beetʼeelii gaditti qilxuu jalatti awwaalamte. Maqaan isaas Aloonbaakut jedhame.
Erga Yaaqoob kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee Waaqni ammas isatti mulʼatee isa eebbise. 10 Waaqni, “Maqaan kee Yaaqoob; siʼachi garuu ati Yaaqoob hin jedhamtu; maqaan kee Israaʼel jedhama” jedheen. Maqaan isaas Israaʼel jedhame.
11 Waaqni akkana isaan jedhe; “Ani Waaqa Waan Hunda Dandaʼu dha; hori; baayʼadhus. Sabnii fi waldaan sabootaa sirraa argamu; mootonnis mudhii kee keessaa baʼu. 12 Ani biyya Abrahaamii fi Yisihaaqiif kenne siifis nan kenna; ani biyya kana sanyii kee warra si booddeetiifis nan kenna.” 13 Waaqnis iddoo itti isa wajjin haasaʼaa ture sanatti isa dhiisee ol baʼe.
14 Yaaqoob iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana utubaa dhagaa tokko dhaabee kennaa dhugaatii irratti dhangalaase; zayitiis irratti dhangalaase. 15 Yaaqoobis iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana Beetʼeel jedhee moggaase.
Duʼa Raahelii fi Yisihaaq
35:23‑26 kwi – 1Sn 2:1‑2
16 Isaanis Beetʼeelii kaʼanii adeemsa isaanii itti fufan. Akkuma isaan Efraataatti dhiʼaataniinis Raahel ciniinsuun qabamtee akka malee muddamte. 17 Utuu isheen daʼuuf ciniinsuu jabaa keessa jirtuus deessiftuun, “Ati waan ilma biraa deessuuf hin sodaatin” jetteen. 18 Raahel garuu waan duʼuu geesseef utuma lubbuun ishee baʼaa jirtuu Ben-Oonii jettee ilma ishee moggaafte. Abbaan isaa garuu Beniyaam jedhee isa moggaase.
19 Akkasiin Raahel duutee karaa Efraataatti geessu irratti awwaalamte; Efraataan kun immoo Beetlihem. 20 Yaaqoobis awwaala ishee irra soodduu dhaabe; soodduun sunis hamma harʼaattuu awwaala Raahel argisiisa.
21 Israaʼel ammas achii kaʼee Migdaal Eederiin gamatti dunkaana isaa dhaabbate. 22 Utuu Israaʼel biyya sana jiraatuu Ruubeen ol seenee saajjatoo abbaa isaa Bilihaa wajjin ciise; Israaʼelis waan kana dhagaʼe.
 
Yaaqoob ilmaan kudha lama qaba ture; isaanis:
 
23 Ilmaan Liyaa:
Ruubeen jechuunis ilma Yaaqoob isa hangafa,
Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakorii fi Zebuuloon.
24 Ilmaan Raahel:
Yoosefii fi Beniyaam.
25 Ilmaan Bilihaa jechuunis xomboree Raahel:
Daanii fi Niftaalem.
26 Ilmaan Zilfaa jechuunis xomboree Liyaa:
Gaadii fi Aasheer.
 
Isaan kunneen ilmaan Yaaqoob kanneen kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti isaaf dhalatanii dha.
 
27 Yaaqoobis gara abbaa isaa, gara Yisihaaq, gara magaalaa Mamree ishee Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtuu, iddoo Abrahaamii fi Yisihaaq alagoota taʼanii jiraachaa turan sanaa dhufe. 28 Yisihaaq waggaa dhibba tokkoo fi saddeettama jiraate. 29 Innis umurii quufee, dulloomee hafuura isaa kan dhumaa baafatee duʼe; gara saba isaattis dabalame. Ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoobis isa awwaalan.