36
Sanyiiwwan Esaawu
36:10‑14 kwf – 1Sn 1:35‑37
36:20‑28 kwf – 1Sn 1:38‑42
Seenaan maatii Esaawu kan Edoom jedhamu sanaa kana.
 
Esaaw niitota isaa dubartootaa Kanaʼaan keessaa fuudhe; isaanis Aadaa intala Eeloon namicha gosa Heetii fi Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibeʼoon namicha gosa Hiiwii, akkasumas Baasmati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti.
Aadaan Eliifaazin Esaawuuf deesse; Baasmati immoo Reʼuuʼeelin deesse. Oholiibaamaanis Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse. Isaan kunneen ilmaan Esaawu kanneen Kanaʼaanitti isaaf dhalatanii dha.
Esaawu niitota isaa, ilmaan isaa, intallan isaatii fi warra mana isaa jiraatan hunda, akkasumas karra loon isaa, horii isaa kaan hundaa fi qabeenya biyya Kanaʼaanitti horate hunda fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob biraa kaʼee biyya biraa dhaqe. Waan qabeenyi isaanii akka malee baayʼateef isaan walii wajjin jiraachuu dadhaban; lafti isaan jiraachaa turanis sababii baayʼina horii isaaniitiif isaan gaʼuu hin dandeenye. Esaawu biyya gaara Seeʼiir keessa jiraate; Esaawu jechuun Edoomii dha.
 
Seenaan maatii Esaawu abbaa Edoomotaa kan warra biyya gaara Seeʼiir keessa jiraatanii kana.
 
10 Maqaan ilmaan Esaawu:
Eliifaaz, ilma Aadaa niitii Esaawuutii fi Reʼuuʼeel ilma Baasmati niitii Esaawuu ti.
11 Ilmaan Eliifaaz:
Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz. 12 Eliifaaz ilmi Esaawus saajjatoo Tiimnaa jedhamtu qaba ture; isheenis Amaaleqin Eliifaaziif deesse. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Aadaa niitii Esaawu.
13 Ilmaan Reʼuuʼeel:
Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
14 Oholiibaamaan niitiin Esaawu intalli Aannaa ilma Zibeʼoon Esaawuuf:
Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse.
 
15 Isaan kunneen sanyiiwwan Esaawu keessaa hangafoota turan:
Ilmaan Eliifaaz ilma Esaawu isa hangafaa:
Teemaan hangafticha, Oomaar hangafticha, Zefoo hangafticha, Qenaz hangafticha, 16 Qooraahi hangafticha, Gaataam hangaftichaa fi Amaaleq hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoom keessatti Eliifaaz irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Aadaa ti.
17 Ilmaan Reʼuuʼeel ilma Esaawu:
Nahaati hangafticha, Zeraa hangafticha, Shamaa hangaftichaa fi Miizaah hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoomitti Raaquʼel irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
18 Ilmaan Oholiibaamaa niitii Esaawu:
Yeʼuushi hangafticha, Yaʼilaamaa hangaftichaa fi Qooraahi hangafticha. Isaan kunneen hangafoota Ahiliibaamaa niitii Esaawu intala Aannaa irraa dhalatanii dha.
19 Isaan kunneen ilmaan Esaawu Edoom jedhamu sanaa turan; isaan kunneenis hangafoota isaanii turan.
 
20 Isaan kunneen ilmaan Seeʼiir namicha gosa Hoorii kanneen biyya sana keessa jiraachaa turanii dha; isaanis:
Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, 21 Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Ilmaan Seeʼiir kanneen biyya Edoom keessaa kunneen hangafoota hoorotaa turan.
22 Ilmaan Looxaan:
Hoorii fi Hoomaam. Tiimnaa obboleettii Looxaan.
23 Ilmaan Sobaal:
Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami.
24 Ilmaan Zibeʼoon:
Ayyaa fi Aannaa. Aannaan kunis namicha utuu harroota abbaa isaa Zibeʼoon tiksuu gammoojjii keessatti burqaa bishaan danfaa argatee dha.
25 Ijoollee Aannaa:
Diishoonii fi Oholiibaamaa intala Aannaa.
26 Ilmaan Diishoon:
Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
27 Ilmaan Eezeri:
Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan.
28 Ilmaan Diishaan:
Uuzii fi Araan.
29 Isaan kunneen hangafoota Hoorotaa ti:
Looxaan, Sobaali, Zibeʼoon, Aannaa, 30 Diishoon, Eezerii fi Diishaan.
Isaan kunneen biyya Seeʼiiri keessatti akkuma gosa gosa isaaniitti hangafootaa Hoorotaa turan.
Mootota Edoom
36:31‑43 kwf – 1Sn 1:43‑54
31 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan:
32 Belaa ilmi Beʼoor mootii Edoom taʼe. Magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame.
33 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
34 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
35 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
36 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
37 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
38 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
39 Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture. Isheenis intala Maxreed intala Mee-Zaahaab turte.
 
40 Hangafoonni Esaawu irraa dhalatan akkuma gosa gosa isaaniittii fi akkuma naannoo jireenya isaaniitti maqaa maqaan kanneenii dha:
Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
41 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,
42 Qenaz, Teemaan, Mibzaar,
43 Magidiiʼeelii fi Iiraam.
Namoonni kunneen akkuma lafa biyya qabatanii keessa jiraataniitti hangafoota Edoom turan.
 
Esaawuun kunis abbaa Edoomotaa ti.