41
Abjuu Faraʼoon
Erga waggaan lama guutuun darbee booddee Faraʼoon abjuu tokko abjoote. Kunoo inni qarqara laga Abbayyaa dhaabachaa ture. Kunoo, saawwan babbareedoo fi gagabbatoon torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼan; isaanis shambaqqoo keessa dheedaa turan. Ammas kunoo, saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon kanneen biraa torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼanii saawwan ededa lagaa turan sana bira dhadhaabatan. Saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon sunis saawwan babbareedoo fi gagabbatoo torban sana nyaatan. Faraʼoonis hirribaa dammaqe.
Ammas deebiʼee rafee abjuu lammaffaa abjoote; kunoo mataan midhaanii torba misee tolee somaa tokko irratti guddachaa ture. Ergasii immoo kunoo mataan midhaan qaqancaroo hobombolettii baʼaa biiftuutiin gubatanii torba biraa bibbiqilan. Mataan midhaan qaqancaroo sanaas mataa misee tole torban sana lilliqimse; Faraʼoonis hirribaa dammaqe; kunoo wanni sunis abjuu ture.
Ganama sana yaadni isaa ni jeeqame; inni nama ergee tolfattootaa fi beektota Gibxi hunda waamsifate. Faraʼoonis abjuu isaa isaanitti hime; garuu namni abjuu sana isaaf hiikuu dandaʼu tokko illee hin argamne.
Ergasii itti gaafatamaan dhugaatii sun Faraʼooniin akkana jedhe; “Ani harʼa balleessaa koo yaadadheera. 10 Yeroo tokko Faraʼoon tajaajiltoota isaatti aaree anaa fi itti gaafatamaa buddeenaa sana mana ajajaa waardiyyaa keessatti hidhe. 11 Tokkoon tokkoon keenya halkanuma tokkoon abjuu abjoonne; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture. 12 Ibrichi dargaggeessi tokko nu wajjin achi ture; innis tajaajilaa ajajaa eegumsaa ture. Nu abjuu keenya itti himannaan inni tokkoo tokkoo keenyaaf akkuma abjuu keenyaatti hiikkaa isaa nutti hime. 13 Akkuma inni nuu hiike sana taʼe; ani iddoo kootti nan deebiʼe; namichi kaanis ni fannifame.”
14 Faraʼoonis nama ergee Yoosefin waamsise; boolla hidhaa keessaa baasaniis dafanii isa fidan. Innis haaddatee uffata isaas geeddarratee fuula Faraʼoon duratti dhiʼaate.
15 Faraʼoonis Yoosefiin, “Ani abjuu abjoodheen ture; garuu namni tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenye. Ani akka ati yeroo abjuu dhageessu hiikuu dandeessu dhagaʼeera” jedhe.
16 Yoosef immoo, “Ani hiikuu hin dandaʼu; Waaqni garuu Faraʼooniif deebii nagaa ni kenna” jedhee Faraʼooniif deebise.
17 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Ani abjuu kootiin qarqara laga Abbayyaa irra dhaabachaan ture; 18 Kunoo saawwan gagabbatoo fi babbareedoon torba lagicha keessaa ol baʼanii shambaqqoo keessa dheedaa turan. 19 Isaan duubaan immoo saawwan huhuqqatoo, baayʼee fofokkisoo fi qaqalloon biraa torba ol baʼan; ani takkumaa saawwan fofokkisoo akkanaa guutummaa biyya Gibxi keessatti hin argine. 20 Saawwan huhuqqatoo fi fofokkisoon sun saawwan gagabbatoo duraan ol baʼan torban sana nyaatan. 21 Garuu erga isaan nyaatanii booddee namni tokko illee akka isaan saawwan sana nyaatan beekuu hin dandeenye; isaan akkuma utuu hin nyaatiniin dura turan sana fofokkisoo turaniitii. Anis hirribaa nan dammaqe.
22 “Akkasumas ani abjuu kootiin mataa midhaanii torba kan misee fi gaggaarii somaa tokko irratti guddachaa jiru nan arge. 23 Isaan duubaanis kunoo mataan midhaanii cocoollagaan, qaqallaan kan hobombolettii baʼa biiftuutiin gubate torba ol baʼe. 24 Mataawwan midhaanii qaqalʼaan sun mataa midhaanii gaggaarii torban sana liqimsan; anis waan kana tolchitootatti nan hime; garuu namni tokko iyyuu naa ibsuu hin dandeenye.”
25 Yoosef immoo Faraʼooniin akkana jedhe; “Abjuun Faraʼoon lamaanuu tokkuma. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti mulʼiseera. 26 Saawwan babbareedoon torba waggaa torba; mataawwan midhaanii gaggaarii torbas waggaa torba; abjuun sun tokkuma. 27 Saawwan qaqalloo fi fofokkisoon torban duubaan ol baʼanis waggaa torba; mataawwan midhaanii qaqancaroon hobombolettii baʼa biiftuutiin gubatan torban immoo waggoota beelaa torba.
28 “Wanni kun akkuma ani Faraʼoonitti himee dha. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti argisiiseera. 29 Barri quufaa guddaan isaa torba biyya Gibxi guutuutti ni dhufa; 30 isaan booddeedhaan garuu waggoonni beelaa torba ni dhufu. Quufni biyya Gibxi hundi ni irraanfatama; beelli sunis biyya balleessa. 31 Waan beelli duubaan dhufu sun baayʼee hamaa taʼuuf quufni biyyattii hin yaadatamu. 32 Abjuun kun bifa lamaan Faraʼoonitti kennamuun isaa waan dubbichi Waaqaan murteeffameef dha; Waaqnis waan kana dafee ni raawwata.
33 “Kanaafuu Faraʼoon nama hubataa fi beekaa tokko filatee biyya Gibxi irratti haa muudu. 34 Faraʼoon akka isaan waggoota quufaa torban keessa midhaan biyya Gibxiitii galfamu harka shan keessaa harka tokko walitti qabaniif qondaaltota biyya irratti haa muudu. 35 Isaanis waggoota gaarii dhufuuf jiran kana keessa midhaan hunda walitti haa qaban; akka nyaataaf taʼuufis midhaan kana taayitaa Faraʼoon jalatti magaalaawwan keessatti haa kuusan; haa eeganis. 36 Midhaan kunis akka biyyattiin beelaan hin badneef waggoota beelaa torban Gibxitti dhufuuf jiru keessa akka fayyaduuf biyyattiidhaaf ol haa kaaʼamu.”
37 Dubbichis Faraʼoonii fi qondaaltota isaa hunda biratti gaarii ture. 38 Faraʼoonis, “Nama akka namicha kanaa kan Hafuurri Waaqaa keessa jiru argachuu dandeenyaa ree?” jedhee isaan gaafate.
39 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Erga Waaqni waan kana hunda sitti mulʼise, namni akka kee hubataa fi beekaa taʼe tokko iyyuu hin jiru. 40 Ati masaraa koo irratti itti gaafatamaa taata; sabni koo hundinuus ajaja kee jalatti bula. Ani ulfina teessoo qofaan si caala.”
Yoosef Gibxi Irratti Muudame
41 Faraʼoonis Yoosefiin, “Ilaa, ani biyya Gibxi hunda irratti si muudeera” jedhe. 42 Ergasii Faraʼoon qubeelaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoosefitti kaaʼe. Uffata quncee talbaa haphii irraa hojjetame isatti uffise; amartii warqee morma isaatti kaaʼe. 43 Innis gaarii isaa isa lammaffaa irra isa teessise; namoonnis, “Sagadaa!” jechaa fuula isaa dura deemanii iyyaa turan; akkanaan Faraʼoon biyya Gibxi hunda irratti isa muude.
44 Ergasiis Faraʼoon Yoosefiin, “Ani Faraʼoonii dha; garuu ajaja kee malee namni guutummaa Gibxi harka isaa yookaan miilla isaa sochoosu tokko iyyuu hin jiru” jedhe. 45 Faraʼoonis Yoosefiif maqaa Zaafenaat-Phaneʼaa jedhamu baase; intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni kan Aasenati jedhamtu illee itti heerumsiise. Yoosefis biyya Gibxi hunda keessa naannaʼe.
46 Yoosef yeroo tajaajila Faraʼoon mooticha Gibxi jalqabetti nama waggaa soddomaa ture; innis fuula Faraʼoon duraa baʼee deemee biyya Gibxi hunda keessa nanaannaʼe. 47 Waggoota quufaa torban sana keessa lafti midhaan akka malee baayʼatu kennite. 48 Yoosefis midhaan waggoota torban sana keessa Gibxii galfame hunda walitti qabee magaalaawwan keessatti kuuse. Midhaan lafa qotiisaa naannoo magaalaas tokkoo tokkoo magaalaa sanaa keessatti kuuse. 49 Yoosefis midhaan baayʼinni isaa guddaa akka cirracha galaanaa taʼe kuuse. Waan midhaan sun safaramuu hin dandaʼaminiif inni safaruu dhiise.
50 Yoosef utuu waggoonni beelaa sun hin dhufin dura Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni irraa ilmaan lama dhalche. 51 Yoosefis, “Waaqni rakkina koo hundaa fi mana abbaa koo hunda na irraanfachiiseera” jedhee maqaa ilma isaa hangaftichaa Minaasee jedhee moggaase. 52 “Waaqni biyya ani itti rakkadhe keessatti na baayʼiseera” jedhee ilma isaa isa lammaffaa immoo Efreem jedhee moggaase.
53 Gibxi keessatti waggoonni quufaa torban sun darbee, 54 akkuma Yoosef dubbate sana waggoonni beelaa torba jalqabe. Biyyoota biraa hunda keessa beelatu ture; biyya Gibxi guutuu keessa garuu midhaanitu ture. 55 Yeroo Gibxi guutuun beelaʼuu jalqabetti namoonni midhaan barbaadanii Faraʼoonitti iyyatan; Faraʼoon immoo warra Gibxi hundumaan, “Yoosef bira dhaqaatii waan inni isinitti himu godhaa” jedhe.
56 Beelli guutuummaa biyyattii keessa babalʼannaan Yoosef mankuusaalee hundumaa banee namoota Gibxitti midhaan gurgure; beelli Gibxi hunda keessatti hammaatee tureetii. 57 Waan guutuu addunyaa irratti beelli hammaateef biyyoonni hundinuu Yoosef irraa midhaan bitachuuf gara Gibxi dhufaa turan.