42
Obboloonni Yoosef Gibxi Dhaqan
Yaaqoob yommuu akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼetti, ilmaan isaatiin, “Isin maaliif wal ilaaltu?” jedhe. Itti fufees, “Kunoo ani akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼeera. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf gad buʼaatii achii midhaan nuu bitaa” jedhe.
Obboloota Yoosef keessaa kudhan Gibxi keessaa midhaan bituuf gad buʼan. Yaaqoob garuu balaatu isa irra gaʼa jedhee waan sodaateef obboleessa Yoosef Beniyaamin isaan wajjin hin ergine. Beelli biyya Kanaʼaan keessa waan tureef ilmaan Israaʼelis warra midhaan bitachuu dhaqan wajjin deeman.
Yoosefis bulchaa biyyattii kan uummata biyyattii hundatti midhaan gurguru ture. Obboloonni Yoosefis yommuu achi gaʼanitti fuula isaaniitiin lafatti gombifamanii sagadaniif. Yoosef akkuma obboloota isaa argeen isaan beeke; garuu akkuma nama isaan hin beekneetti afaan hamaa isaanitti dubbatee, “Isin eessaa dhuftan?” jedhee isaan gaafate.
Jarris, “Midhaan bitachuuf jennee Kanaʼaanii dhufne” jedhanii deebisan.
Yoo Yoosef obboloota isaa beeke iyyuu jarri isa hin beekne. Innis abjuu waaʼee isaanii abjoote sana yaadatee, “Isin basaastota dadhabbii biyyattii basaasuuf dhuftanii dha!” jedheen.
10 Isaan immoo akkana jedhanii deebisan; “Yaa gooftaa akkas miti; nu garboonni kee midhaan bitachuu dhufne. 11 Nu hundi ilmaan abbaa tokkoo ti; nu garboonni kee namoota amanamoo dha malee basaastota miti.”
12 Innis, “Akkas miti; isin dadhabbii biyyattii basaasuu dhuftan” jedheen.
13 Isaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu garboonni kee obboloota kudha lama, ilmaanuma abbaa tokkoo kan biyya Kanaʼaan jiraatuu ti. Kunoo quxisuun hunda keenyaa amma abbaa keenya bira jira; inni tokko garuu hin jiru.”
14 Yoosef garuu akkana jedheen; “Akkuma ani isiniin jedhe sana isin basaastota! 15 Akki isin ittiin qoramtan kana; ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; yoo obboleessi keessan quxisuun sun as dhufe malee isin asii hin sochootan. 16 Akka inni dhaqee obboleessa keessan fiduuf of keessaa nama tokko ergaa; isin warri haftan immoo mana hidhaatti galfamtu; akkasiinis dubbiin keessan qoratamee akka dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ni ilaalama; yoo kanaa achii, ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; isin dhugumaan basaastota!” 17 Innis hunda isaanii guyyaa sadii mana hidhaa keessa turse.
18 Guyyaa sadaffaatti Yoosef akkana isaaniin jedhe; “Isin waan kana godhaa; ni jiraattu; ani Waaqa nan sodaadhaatii. 19 Isin yoo namoota amanamoo taatan obboloota keessan keessaa tokko as mana hidhaa haa turu; warri kaan garuu deemaa; maatii keessan kanneen beelaʼaniif midhaan geessaa. 20 Garuu obboleessa keessan quxisuu naa fidaa; akkasiin dubbiin keessan ni mirkaneeffama; isinis hin duutan.” Isaanis akkasuma godhan.
21 Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu dhugumaan sababii obboleessa keenyaatiif adabamaa jirra. Yeroo inni nu kadhatetti lubbuun isaa hammam akka dhiphachaa turte argineerra; nu garuu isa dhagaʼuu didne; dhiphinni kun kanaaf nutti dhufe.”
22 Ruubeen immoo, “Ani, ‘Gurbaa kana hin miidhinaa’ jedhee isinitti hin himnee? Isin garuu na dhagaʼuu diddan! Kunoo nu dhiiga isaatti ni gaafatamna” jedhe. 23 Sababii Yoosef karaa nama afaan hiikuutiin isaanitti dubbachaa tureef isaan akka inni waan isaan dubbatan hubatu hin beekne.
24 Yoosef achi isaan irraa garagalee booʼuu jalqabe; ergasii immoo isaanitti garagalee isaanitti dubbate. Simiʼooninis isaan keessaa baasisee fuuluma isaanii duratti hiisise.
25 Yoosef akka qalqalloo isaaniitti midhaan guutaniif, akka meetii tokkoo tokkoo isaanii deebisanii qalqalloo isaanii keessa isaaniif kaaʼanii fi akka karaa isaaniitiif galaa isaaniif kennan ajaje. Erga wanni kun isaaniif godhamee booddee 26 jarri midhaan isaanii harroota isaaniitti feʼatanii qajeelan.
27 Isaan keessaa inni tokko iddoo bulanitti harree isaatiif nyaata kennuuf jedhee qalqalloo isaa bane; kunoo afaan qalqalloo keessattis meetii isaa argate. 28 Innis obboloota isaatiin, “Meetiin koo naa deebiʼeera; kunoo qalqalloo koo keessa jira” jedhe.
Kana irratti isaan naʼanii walitti garagalanii hollachaa, “Wanni Waaqni nutti hojjete kun maali?” jedhan.
29 Isaanis gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhufanii waan isaan irra gaʼe hunda isatti himan; akkanas jedhan; 30 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe afaan hamaa nutti dubbatee akka waan nu biyyattii basaasuu dhaqneetti nu lakkaaʼe. 31 Nu garuu akkana jenneen; ‘Nu namoota amanamoo dha malee basaastota miti. 32 Nu obboloota kudha lama ilmaanuma abbaa tokkoo ti; inni tokko hin jiru; quxisuun hunda keenyaa immoo abbaa keenya bira biyya Kanaʼaan jira.’
33 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe immoo akkana nuun jedhe; ‘Akki ani akka isin namoota amanamoo taatanii fi hin taʼin ittiin beeku kana; obboloota keessan keessaa isa tokko as na biratti dhiisaatii maatii keessan kan beelaʼaniif midhaan geessaa. 34 Garuu akka ani akka isin namoota amanamoo malee basaastota hin taʼin beekuuf obboleessa keessan isa quxisuu sana naa fidaa. Ergasii ani obboleessa keessan deebisee isinii kenna; isinis biyya kana keessatti daldalachuu ni dandeessu.’ ”
35 Yommuu isaan qalqalloo isaanii keessaa midhaan garagalchanitti, kunoo meetiin tokkoo tokkoo isaanii hidhaa hidhaan qalqalloo isaanii keessa ture. Isaanii fi abbaan isaanii yeroo meetii hidhame sana arganitti ni rifatan. 36 Abbaan isaanii Yaaqoobis, “Isin ijoollee koo na dhabsiiftan. Yoosef hin jiru; Simiʼoonis hin jiru. Amma immoo Beniyaamin fudhachuu barbaaddu. Wanni hundi natti hammaateera!” jedheen.
37 Ruubeen immoo abbaa isaatiin, “Yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe ilmaan koo lamaan ajjeesuu ni dandeessa; isa imaanaa natti kenni; ani deebisee isa nan fida” jedhe.
38 Yaaqoob garuu akkana jedhe; “Ilmi koo isin wajjin achi gad hin buʼu; obboleessi isaa duʼeera; isa qofatu hafe. Yoo karaa keessan irratti balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.”