43
Obboloonni Yoosef Lammata Gibxitti Deebiʼan
Amma illee beelli biyyattiitti baayʼee hammaatee ture. Erga isaan midhaan biyya Gibxiitii fidan sana nyaatanii fixanii booddee abbaan isaanii, “Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa” jedheen.
Yihuudaan immoo akkana isaan jedhe; “Namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ jedhee of eeggannoo cimaa nuu kenne. Yoo ati obboleessa keenya nu wajjin ergite nu dhaqnee midhaan siif binna. Sababii namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ nuun jedheef, yoo ati isa ergite malee nu gad hin buunu.”
Israaʼel immoo, “Isin maaliif akka obboleessa biraa qabdan namichatti himuudhaan rakkina natti fiddan?” jedhee gaafate.
Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namichi waaʼee mataa keenyaatii fi waaʼee maatii keenyaa jabeessee nu gaafate. Innis, ‘Abbaan keessan amma iyyuu jiraa? Obboleessa biraa qabduu?’ jedhee nu gaafate; nu gaaffiidhuma isaa deebifneef. Yoos akka inni, ‘Obboleessa keessan as fidaa’ nuun jedhu akkamiin beekuu dandeenya ree?”
Yihuudaanis abbaa isaa Israaʼeliin akkana jedhe; “Akka nu, atii fi ijoolleen keenya duʼa jalaa baanee jiraannuuf gurbicha na wajjin ergi; nu kaanee deemnaatii. Ani wabii isaafin taʼa; waaʼee isaas anuma mataa koo gaafachuu ni dandeessa. Yoo ani deebisee isa siif fidee fuula kee dura dhaabuu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula kee duratti balleessaa kanatti nan gaafatama. 10 Utuu turuu baannee silaa yoona yeroo lama dhaqnee deebineerra ture.”
11 Kana irratti abbaan isaanii Israaʼel akkana isaaniin jedhe; “Erga akkas taʼee waan kana godhaa; oomisha biyya kanaa filatamaa keessaa kennaa tokko tokko jechuunis haphee dibatan xinnoo ishee, damma xinnaa isaa, urgooftuu fi qumbii xinnoo ishee, ocholoonii fi lawuzii xinnoo ishee geessaatii namichaaf kennaa. 12 Isin waan meetii afaan qalqalloo keessanii keessa kaaʼamee isinii deebiʼe sana deebisuu qabdaniif meetii sana harka lama fudhadhaatii deemaa; meetiin sun dogoggoraan dhufe taʼaatii. 13 Obboleessa keessanis fudhadhaatii dafaa gara namichaatti deebiʼaa. 14 Akka inni obboleessa keessan kaanii fi Beniyaam illee isin wajjin deebisee erguuf Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akka namichi garaa isinii laafu haa godhu. Ani yoo ijoollee dhabe illee ijoollee nan dhaba.”
15 Namoonni sunis kennaawwan sana, meetii sana harka lamaa fi Beniyaaminis fudhatanii ariitiidhaan Gibxitti gad buʼanii fuula Yoosef dura dhadhaabatan. 16 Yoosefis yommuu Beniyaamin isaan biratti argetti hangafa hojjettoota mana isaatiin, “Namoota kana mana kootti geessi; horii tokko qalii nyaata qopheessi; isaan saʼaatii jaʼatti na wajjin nyaatuutii” jedhe.
17 Namichi sunis akkuma Yoosef isa ajaje godhe; jara sanas mana Yoosefitti geesse. 18 Namoonni sun yeroo mana Yoosefitti geeffamanitti sodaatanii akkana jedhan; “Nu sababii meetii yeroo jalqabaa deebiʼee afaan qalqalloo keenyaa keessatti argame sanaatiif as fidamne; inni nu rukutee, nu moʼatee, akka garbootaatti nu qabatee harroota keenya fudhachuu barbaada.”
19 Kanaafuu jarri gara hangafa hojjettoota Yoosefitti ol baʼanii balbala manaa duratti itti dubbatan. 20 Akkanas jedhan; “Yaa gooftaa, nu yeroo jalqabaa midhaan bitachuuf as gad buunee turre. 21 Nus yeroo iddoo bullu geenyee qalqalloo keenya bannetti tokkoon tokkoon keenya afaan qalqalloo keenyaa keessatti meetii keenya akkuma jirutti arganne. Kanaafuu meetii sana deebifnee fidnee dhufneerra. 22 Meetii biraas ittiin midhaan bitachuuf fidnee dhufneerra. Eenyu akka meetii keenya qalqalloo keenya keessa nuu kaaʼes hin beeknu.”
23 Innis deebisee, “Homaa miti; hin sodaatinaa. Waaqni keessan, Waaqni abbaa keessanii qalqalloo keessanitti badhaadhummaa isinii naqeera; meetiin keessan na gaʼee jira” jedheen. Ergasiis Simiʼoonin gara isaaniitti gad baase.
24 Hangafni hojjettootaa sunis jara sana mana Yoosefitti geessee akka isaan miilla isaanii dhiqataniif bishaan kenneef; harroota isaaniitiif immoo okaa kenne. 25 Isaanis achitti akka nyaatan waan dhagaʼaniif dhufaatii Yoosef kan saʼaatii jaʼaatiif kennaa isaanii qopheeffatan.
26 Yeroo Yoosef manatti galetti isaan kennaa manatti ol galchanii turan sana kennaniif; fuula isaa durattis lafatti gombifamanii harka fuudhan. 27 Innis nagaa isaan gaafatee, “Abbaan keessan jaarsi isin waaʼee isaa natti himtan sun akkam? Inni amma iyyuu jiraa?” jedheen.
28 Jarris, “Tajaajilaan kee abbaan keenya amma iyyuu ni jira; nagumas” jedhanii deebisan. Ulfina isaaf kennuufis gad jedhan.
29 Innis ol ilaalee obboleessa isaa, ilma haadha isaa Beniyaamin argee, “Inni kun obboleessa keessan quxisuu isin waaʼee isaa natti himtan sanaa?” jedhee gaafate. Itti fufees, “Ilma ko, Waaqni si haa eebbisu” jedheen. 30 Yoosef yommuu obboleessa isaa argetti garaan raafamee dafee gad baʼe; booʼuu barbaadees kutaa mana isaa seenee achitti booʼe.
31 Ergasiis fuula isaa dhiqatee gad baʼe; of jajjabeessees, “Nyaanni haa dhiʼaatu” jedhe.
32 Jarris sababii warri Gibxi Ibroota wajjin hin nyaanneef Yoosefiif kophaatti, obboloota isaatiif kophaatti, warra Gibxi kanneen isa wajjin nyaataniifis kophaatti dhiʼeessan; Ibroota wajjin nyaachuun warra Gibxi biratti jibbisiisaa tureetii. 33 Namoonni sunis akkuma umurii isaaniitti hangafaa jalqabanii hamma quxisuutti fuula isaa dura tataaʼanii dinqifatanii wal ilaalan. 34 Maaddii Yoosef irraas nyaanni qoodameef; qoodni Beniyaam garuu qooda tokko tokko isaaniitiif kenname dachaa shan taʼa ture. Jarris akkasiin Yoosef wajjin dhuganii itti hoʼe.