49
Yaaqoob Ilmaan Isaa Eebbise
49:1‑28 kwi – KeD 33:1‑29
Yaaqoob ilmaan isaa ofitti waamee akkana jedhe: “Akka ani waan bara dhumaa keessa isinitti dhufu isinitti himuuf mee walitti qabamaa.
“Yaa ilmaan Yaaqoob mee walitti qabamaa dhaggeeffadhaa;
abbaa keessan Israaʼelin dhaggeeffadhaa.
 
“Yaa Ruubeen, ati ilma koo hangafa;
humna koo, mallattoo jalqabaa kan jabina kootii ti;
ati ulfinaan ni caalta; humnaan illee ni caalta.
Ati akka bishaanii asii fi achi raafamta; ol aantummaas hin qabaattu;
ati siree abbaa keetiitti ol baatee,
afata kootti ol baatee xureessiteertaatii.
 
“Simiʼoonii fi Lewwiin obboloota;
goraadeen isaanii miʼa fincilaa ti.
Lubbuun koo marii isaaniitti hin seenin;
ulfinni koos yaaʼii isaaniitti hin dabalamin;
isaan dheekkamsa isaaniitiin nama ajjeesaniiruutii;
fedhii ofii isaaniitiinis qotiyyoo naafachiisaniiru.
Aariin isaanii inni hamaan,
dheekkamsi isaanii inni gara jabeessi abaaramaa haa taʼu!
Ani Yaaqoob keessa isaan nan bittinneessa;
Israaʼel keessas isaan nan facaasa.
 
“Yaa Yihuudaa obboloonni kee si leellisu;
harki kee morma diina keetii qaba;
ilmaan abbaa keetii siif sagadu.
Yaa Yihuudaa ati saafela leencaa ti;
yaa ilma koo ati adamoodhaa deebita.
Inni akka leencaa, akka leenca dhalaas, riphee ciisa;
eenyutu ija jabaatee isa kaasa ree?
10 Hamma bulchaan dhufutti
bokkuun harka Yihuudaatii,
uleen bulchiinsaa miilla isaa gidduudhaa hin dhabamu;
saboonnis isaaf ni ajajamu.
11 Inni harree isaa muka wayiniitti,
ilmoo harree isaa immoo damee filatamaatti hidhata;
wayyaa isaa daadhii wayiniitiin,
wandaboo isaa immoo dhiiga gumaa wayiniitiin miiccata.
12 Iji isaa daadhii wayinii irra diimata;
ilkaan isaa immoo aannan irra addaata.
 
13 “Zebuuloon qarqara galaanaa jiraata;
buufata dooniiwwaniis taʼa;
daangaan isaas hamma Siidoonaatti balʼata.
 
14 “Yisaakor harree jabaa
feʼiisa lama gidduu ciisuu dha.
15 Innis yeroo akka iddoon boqonnaa isaa hammam gaarii taʼee fi
akka lafti isaa tolaa taʼe argutti
baʼaa baachuuf gatiittii isaa gad qabata;
hojii humnaa hojjechuuf of kenna.
 
16 “Daan gosoota Israaʼel keessaa akka isa tokkootti,
saba isaatiif murtii qajeelaa ni kenna.
17 Daan bofa qarqara karaa ti;
akka buutii daandii irraa,
kan akka namichi farda yaabbatu gara duubaatti kufuuf
kottee fardaa idduu ni taʼa.
 
18 “Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan eeggadha.
 
19 “Gaad weerartootaan ni dhaʼama;
inni garuu faana buʼee isaan dhaʼa.
 
20 “Aasheer buddeenni isaa furdaa dha;
inni mootiidhaaf nyaata tolaa ni kenna.
 
21 “Niftaalem borofa hiikamtee dha;
dubbii gaariis ni dubbata.
 
22 “Yoosef muka wayinii ija qabeessa,
muka wayinii ija qabeessa burqaa bishaaniitti dhiʼoo jiruu dha;
dameen isaa dallaa irra yaaʼa.
23 Warri iddaa qabatan waraana isatti banan;
isatti futtaasan; isa jibbanis.
24 Garuu iddaan isaa jabaatee hafe;
irreen harka isaa,
harka Waaqa Jabaa Yaaqoobiin jabeeffame.
Achiis Tiksee sanaan, Kattaa Israaʼeliin,
25 Waaqa abbaa keetii isa si gargaaruun,
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu isa
eebba samii gubbaatiin,
eebba gadi fagoo isa jalaatiin,
eebba harmaatii fi gadameessaatiin si eebbisu sanaan
ni eebbifamta.
26 Eebbi abbaa keetii,
eebba tulluuwwan durii,
arjummaa gaarran durii caala.
Kun hundi mataa Yoosefiitti,
gubbee mataa isa obboloota isaa keessaa
hoogganaa taʼeetti haa qabatu.
 
27 “Beniyaam yeeyyii baayʼee beelaʼee dha;
ganama waan adamse itti gaggabee nyaata;
galgala immoo boojuu hira.”
28 Warri kunneen hundi gosoota Israaʼel kudha lamaan; kunis waan abbaan isaanii yeroo eebba tokkoo tokkoo isaaniif taʼuun isaan eebbisetti isaanitti dubbatee dha.
Yaaqoob Duʼuu Isaa
29 Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee isaan ajaje; “Ani gara saba kootiitti walitti qabamuu gaʼeera; holqa lafa qotiisaa Efroon namicha gosa Heeti sanaatti abbootii koo biratti na awwaalaa. 30 Holqi kunis holqa biyya Kanaʼaan keessatti Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuuf Efroon namicha gosa Heeti sana irraa lafa qotiisaa wajjin bitatee dha. 31 Abrahaamii fi niitiin isaa Saaraan achitti awwaalaman; Yisihaaqii fi niitiin isaa Ribqaan achitti awwaalaman; anis achumattan Liyaa awwaale. 32 Lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru Heetota irraa bitaman.”
33 Yaaqoob akkuma ilmaan isaa ajajuu raawwateen miilla isaa siree irratti ol deebifatee hafuura dhumaa baafate; gara saba isaattis walitti qabame.