8
Luba Ol aanaa Kakuu Haaraa
Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna. Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila.
Lubni ol aanaan kam iyyuu kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama; kanaafuu lubni kun waan dhiʼeessu tokko qabaachuu qaba. Waan luboonni akka seeraatti kennaa dhiʼeessan duraanuu jiraniif, inni utuu lafa irra jiraatee silaa luba hin taʼu ture. Isaanis iddoo qulqullummaa kan fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii tajaajilu. Waaqnis yommuu Museen dunkaana qulqulluu dhaabuuf kaʼetti, “Waan hunda akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu!”* jedhee isa akeekkachiisuun isaa kanumaaf. Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture. Waaqni garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha;
“Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,
mana Yihuudaa wajjinis,
kakuu haaraa galu ni dhufa
jedha Gooftaan.
Kakuun kunis kakuu ani,
yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee
harka isaanii qabe sana
abbootii isaanii wajjin gale sanaan tokko miti;
isaan kakuu kootti jabaatanii waan hin dhaabatiniif,
ani isaan irraa gara galeera,
jedha Gooftaan.
10 Kakuun ani yeroo sana booddee
mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan.
Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;
garaa isaanii keessattis nan barreessa.
Ani Waaqa isaanii nan taʼa;
isaanis saba koo ni taʼu.
11 Sababii hundi isaanii,
xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,
siʼachi namni kam iyyuu, ‘Gooftaa beeki’ jedhee,
ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu.
12 Ani daba isaanii nan dhiisaaf;
cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
13 Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.
* 8:5 8:5 Bau 25:40 8:12 8:12 Erm 31:31‑34