9
Iddoo Qulqulluu Isa Lafaa Keessatti Waaqeffachuu
Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture. Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, “Iddoo Qulqulluu” jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture. Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, “Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu” jedhamu tokkotu ture. Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Aroon inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame. Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.
Luboonni yommuu wanni hundinuu haala kanaan qopheeffametti tajaajila kennuuf jedhanii yeroo hunda dunkaana qulqulluu isa jalqabaa seenu turan. Dunkaana isa lammaffaa garuu luba ol aanaa qofatu waggaatti yeroo tokko qofa seena; innis dhiiga cubbuu ofii isaatiif dhiʼeessuu fi dhiiga cubbuu namoonni utuu hin beekin hojjetaniif dhiʼeessu qabatu malee hin seenu ture. Hafuurri Qulqulluunis hamma dunkaanni jalqabaa sun dhaabatee jirutti akka karaan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti geessu sun amma illee hin mulʼifamin haala kanaan argisiisaa ture. Kunis fakkeenya bara ammaa ti; innis akka kennaa fi aarsaan dhiʼeeffamu sun qalbii waaqeffataa tokkoo qulqulleessuu hin dandeenye mulʼisa. 10 Innis waaʼee nyaataatii fi dhugaatii, waaʼee sirna dhiqannaa garaa garaa jechuunis sirna foonii isa hamma seerichi haaromfamutti faayidaa kennaa ture qofa.
Dhiiga Kiristoos
11 Kiristoos garuu yommuu waan gaarii dhufuuf jiruuf luba ol aanaa taʼee dhufetti, dunkaanicha guddaa mudaa hin qabne, kan harka namaatiin hin hojjetamin jechuunis kan uumama kana irraa hin dhufin sana keessa darbe. 12 Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene. 13 Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee, 14 yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!
15 Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.
16 Iddoo dhaamsi dhaalaa jirutti duʼa namicha dhaamate sanaa mirkaneessuun barbaachisaa dha; 17 dhaamsi dhaalaa yommuu namni dhaamate sun duʼu qofa hojii irra oola malee utuu inni lubbuun jiruu hin hojjetuutii. 18 Sababiin kakuun jalqabaa iyyuu dhiiga malee hojii irra hin ooliniifis kanuma. 19 Museen erga ajaja seera sanaa tokko tokkoon saba sana hundatti himee booddeetti, dhiiga jabbootaatii fi dhiiga reʼootaa bishaan wajjin, rifeensa hoolaa bildiimaa fi hiisophii fuudhee kitaaba maramaa fi saba hundatti facaase. 20 Innis, “Kun dhiiga kakuu kan Waaqni isiniif ajajee dha”* jedhe. 21 Haaluma wal fakkaatuunis dunkaanichattii fi miʼa dunkaanicha keessatti sirna waaqeffannaatiif itti fayyadaman hundumatti dhiiga sana facaase. 22 Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.
23 Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa. 24 Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne. 25 Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne. 26 Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera. 27 Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana 28 akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.
* 9:20 9:20 Bau 24:8