Raajii
Isaayyaas
1
Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge.
 
Saba Fincilaa Tokko
Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu!
Waaqayyo akkana jedhee dubbateeraatii:
“Ani ijoollee horadheen guddifadhe;
isaan garuu natti fincilaniiru.
Qotiyyoon gooftaa isaa,
harreenis gola gooftaa isaa ni beeka;
Israaʼel garuu hin beeku;
sabni koo hin hubatu.”
 
Yaa saba cubbamaa,
uummata balleessaan itti baayʼate,
ilmaan warra waan hamaa hojjetuu,
ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo!
Isaan Waaqayyoon dhiisaniiru;
Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii
dugda isaanii itti garagalfataniiru.
 
Isin siʼachi maaliif rukutamtu?
Maaliif fincila keessa jiraatu?
Mataan keessan guutuun miidhameera;
garaan keessan guutuunis dadhabeera.
Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti,
fayyaa hin qabdan;
madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu,
kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne
yookaan zayitiidhaan hin laafne.
 
Biyyi keessan duwwaa hafteerti;
magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru;
alagoonni fuuluma keessan duratti
lafa qotiisaa keessan saamu;
akkuma waan ormi ishee saameettis onti.
Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo
dhaabaa wayinii keessaatti,
akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti,
akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti.
Utuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee,
nu silaa akkuma Sodoom taanee,
Gomoraas fakkaanna turre.
 
10 Yaa bulchitoota Sodoom
dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa;
yaa saba Gomoraa,
Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa!
11  Waaqayyo akkana jedha;
“Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?”
Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi
horii gabbifamanii baayʼeen qaba;
ani dhiiga korommii looniitti,
kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu.
12 Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan,
akka oobdii koo dhidhiittan
eenyutu isin irraa barbaade?
13 Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa!
Ixaanni keessan na jibbisiisa.
Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan
jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu.
14 Ayyaana Baatii keessanii fi
ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti.
Isaan baʼaa natti taʼaniiru;
anis obsuu dadhabeera.
15 Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan,
ani ija koo isinan dhokfadha;
yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu.
 
Harki keessan dhiigaan guutameera!
 
16 Dhiqadhaatii of qulqulleessaa.
Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa!
Yakka hojjechuus dhiisaa;
17 waan qajeelaa hojjechuu baradhaa!
Murtii qajeelaa barbaadaa;
warra hacuucame jajjabeessaa.
Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa;
haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
 
18  Waaqayyo akkana jedha;
“Kottaa wal qorraa;
cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu,
inni addaatee akka cabbii ni taʼa;
yoo akka alalaa diimate iyyuu,
akka suufii ni addaata.
19 Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan,
waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;
20 garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata.”
Afaan Waaqayyoo waan kana dubbateeraatii.
 
21 Akka magaalaan amanamtuun sun
sagaagaltuu taate ilaalaa!
Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee
qajeelummaan ishee keessa jiraata ture;
amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!
22 Meetiin kee ligidaaʼeera;
daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera.
23 Bulchitoonni kee finciltoota;
michuu hattuuwwanii ti;
isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu;
kennaas akka malee barbaadu.
Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman;
himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.
 
24 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
Jabaan Israaʼel sun akkana jedha:
“Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha;
diinota koos haaloo nan baafadha.
25 Ani harka koo sitti nan deebisa;
ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa;
xurii kee hundas sirraa nan balleessa.
26 Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti,
akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa.
Ergasii ati magaalaa qajeelummaa,
magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta.”
 
27 Xiyoon murtii qajeelaadhaan,
qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu.
28 Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu;
warri Waaqayyoon dhiisanis ni badu.
 
29 “Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu;
sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu.
30 Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee,
akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu.
31 Namni jabaan akkuma huubaa,
hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa;
isaan lachuu walumaan gubatu;
namni ibidda sana dhaamsus hin jiru.”