8
Utuu ati akka obboleessa koo
kan harma haadha koo hodhee guddatee naa taatee!
Ani yoon alatti si arge sin dhungadhan ture;
namni tokko iyyuu na hin tuffatu.
Anis si dura deemee mana haadha koo
ishee na barsiifte sanaatti sin geessa ture.
Akka ati dhugduufis daadhii wayinii kan miʼeeffame
cuunfaa roomaanii koos siifin kenna ture.
Harki isaa bitaa mataa koo jala jira;
harki isaa mirgaa immoo na hammata.
Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa;
hamma isheen ofumaan feetee kaatutti
jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
Michoota
Kan michuu isheetti irkattee
gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu?
Ishee
Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase;
haati kee achitti si ulfoofte;
achumattis ciniinsifattee si deesse.
Akkuma chaappaatti laphee kee irra,
akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu;
jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii;
hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha.
Inni akkuma ibidda balaliʼuu,
akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa.
Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu;
lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu.
Namni tokko qabeenya mana isaa hunda
yoo jaalalaaf kenne
qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.
Michoota
Nu obboleettii xinnoo tokko qabna;
isheen guntuta iyyuu hin baafne.
Guyyaa isheen heerumaaf kadhatamtutti
nu obboleettii keenyaaf maal goona?
Utuu isheen dallaa dhagaa taatee
nu silaa gamoo meetii ishee irratti ijaarra ture.
Utuu isheen balbala taatee
nu silaa birbirsaan ishee marsina.
Ishee
10 Ani dallaa dhagaa ti;
guntunni koos akkuma gamoo ti.
Kanaafuu ani fuula isaa duratti
akkuma nama nagaa fidu tokkootti nan ilaalaman ture.
11 Solomoon Baʼaal Haamoon keessaa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture;
innis iddoo dhaabaa wayinii ofii isaa qottuuwwanitti kiraa kennate.
Tokkoon tokkoon isaaniis ija argatan irraa
meetii saqilii kuma tokko fiduufii qabu ture.
12 Iddoon dhaabaa wayinii kootii, kanuma koo ti;
yaa Solomoon, saqiliin kumni sun sumaaf;
dhibbi lama immoo kan warra ija isaa eeganii ti.
Isa
13 Yaa ishee iddoo biqiltuu keessa jiraattu,
michoonni sagalee kee dhaggeeffachaa jiru;
mee anis nan dhagaʼa!
Ishee
14 Yaa michuu ko, dafii kottu;
akka kuruphee
yookaan akka korma gadamsaa
kan gaara urgooftuu irra burraaquu taʼi.