10
Warra seera jalʼaa baasan,
kanneen labsii cunqursaa labsaniif wayyoo;
isaan murtii rakkattootaa jalʼisu;
mirga hiyyeeyyii saba koos ni dhiibu;
haadhota hiyyeessaa boojuu godhatu;
ijoollee abbaa hin qabnes ni saamu.
Isin yeroo badiisni fagoodhaa dhufu
guyyaa adabbiitti maal gootu?
Gargaarsa argachuuf eenyutti baqattu?
Qabeenya keessan eessatti dhiiftu?
Warra boojiʼaman jala gugguufuu
yookaan warra ajjeefaman jalatti kufuu malee homtuu hin hafu.
 
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;
harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
Murtii Waaqni Asooritti Murteesse
“Asooricha isa ulee aarii kootii taʼeef,
isa bokkuun dheekkamsa kootii harka isaa jiruuf wayyoo!
Ani akka inni isaan saamuu fi boojiʼuuf
akka inni akkuma dhoqqee karaa irraa lafatti isaan dhidhiituuf
saba Waaqatti hin bulletti isa nan erga;
uummata na aarsuttis isa nan ajaja.
Garuu kun waan inni yaadu miti;
yaadni akkasiis garaa isaa keessa hin jiru;
kaayyoon isaa barbadeessuu dha;
saba baayʼees fixuu dha.
Innis akkana jedha; ‘Ajajjoonni koo hundinuu mootota mitii?
Kaalnoon akkuma Karkemiish mitii?
Hamaati akkuma Arfaad mitii?
Samaariyaanis akkuma Damaasqoo mitii?
10 Akkuma harki koo mootummoota waaqota tolfamoo
kanneen fakkiiwwan soofamoo kan Yerusaalemii fi
Samaariyaa caalan qabe sana,
11 ani waanan Samaariyaa fi fakkiiwwan ishee godhe sana
Yerusaalemii fi waaqota ishee tolfamoo hin godhuu?’ ”
12 Gooftaan yeroo Tulluu Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti hojii isaa hunda fixatutti akkana jedha; “Ani sababii of jajuu garaa isaatii fi ilaalcha isaa kan of tuulummaan guutame sanaatiif jedhee mooticha Asoor nan adaba. 13 Inni akkana jedhaatii:
“ ‘Ani jabina harka kootiin waan kana hojjedheera;
ani sababiin hubannaa qabuuf,
ogummaa kootiin hojjedheera.
Ani daangaa sabootaa iddoodhaa buqqiseera;
qabeenya isaanii illee saameera.
Akkuma nama jabaa tokkoo ani mootota isaanii
of jala galfadheera.
14 Akkuma namni tokko manʼee simbiraa keessa harka kaaʼu sana
anis harka koo qabeenya sabootaa keessa nan kaaʼa;
akkuma namoonni hanqaaquu dagatame
walitti qaban sana, anis biyya hunda walitti nan qabe;
kan qoochoo hurgufate,
yookaan wacuuf afaan banate tokko iyyuu hin turre.’ ”
 
15 Qottoon nama ittiin waa murutti ni kooraa?
Yookaan wanni ittiin waa muran nama itti fayyadamutti of jajaa?
Kunis akka waan uleen tokko nama isa qabatutti of mirmirsuu ti;
yookaan akkuma bokkuun tokko akka waan muka hin taʼiniitti ol of guddisuu ti!
16 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
loltoota gagabbatan kanatti dhukkuba nama huqqisu ni erga;
ulfina isaa jalaanis ibiddi tokko
akkuma arraba ibiddaa ni qabsiifama.
17 Ifni Israaʼel ibidda,
Qulqullichi isaanii sunis arraba ibiddaa taʼa;
ibiddi sun guyyuma tokkoon
qoraattii isaatii fi sokorruu isaa gubee balleessa.
18 Akkuma namni tokko yeroo dhukkubsatu huqqatu sana,
ibiddi sun ulfina bosonaa isaatii fi lafa qotiisaa gabbataa,
lubbuu fi foonis ni barbadeessa.
19 Mukkeen bosona isaa keessatti hafan waan akka malee muraasa taʼaniif
mucaan tokko galmeessuu ni dandaʼa.
Hambaa Israaʼel
20 Bara sana keessa hambaan Israaʼel,
mana Yaaqoob keessaa warri hafan,
dhugumaan Waaqayyo Qulqullicha Israaʼel abdatu malee
lammata isa isaan dhaʼe sana hin abdatan.
21 Hambaan tokko, hambaan Yaaqoob
gara Waaqa Jabaa sanaatti ni deebiʼa.
22 Yaa Israaʼel, yoo sabni kee
akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu,
hambaa qofatu deebiʼa.
Badiisni qajeelummaadhaan guutame labsameera.
23 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
badiisa lafa hundatti labsame ni raawwata.
24 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Yaa saba koo warri Xiyoon keessa jiraattan,
warra Asoor kanneen uleedhaan isin rukutan,
kanneen akkuma warra Gibxi bokkuu ol isinitti fudhatan hin sodaatinaa.
25 Aariin ani isinitti aare dafee qabbanaaʼa;
dheekkamsi koos isaan balleessuuf itti garagala.”
 
26  Waaqayyon Waan Hunda Dandaʼu sun,
akkuma kattaa Hereeb biratti Midiyaanin qacceen garafe sana,
akkuma biyya Gibxi keessatti godhe sana,
ulee isaa bishaan irratti ol fudhata.
27 Gaafas baʼaan isaanii gatiittii keessan irraa,
waanjoon isaaniis morma keessan irraa fuudhama;
waan isin akka malee gabbattaniif waanjoon ni caccaba.
 
28 Isaan gara Ayyati seenan;
Migroon keessa baʼan;
nyaataa fi hidhata isaaniis Mikmaas keessatti kuuftan.
29 Isaan karaa qalʼaa irra baʼanii,
“Nu Gebaa qubannee bulla” jedhan.
Raamaan ni sodaatti;
Gibeʼaan Saaʼolis ni baqatti.
30 Yaa intala Galiim, iyyi!
Yaa Laayishaa dhaggeeffadhu!
Yaa Anaatoot deebii isheef kenni!
31 Maadmenaan baqataa jirti;
uummanni Geebiimis baqachuuf walitti qabama.
32 Isaan harʼa Noob gaʼu;
isaan tulluu Intala Xiyoonitti,
gaara Yerusaalemitti harka isaanii raasu.
 
33 Kunoo Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
humna guddaadhaan dameewwan murmura;
mukkeen gurguddaan ni cicciramu;
mukkeen dhedheeroonis gad qabamu.
34 Inni bosona gobbuu qottoodhaan cira;
Libaanoonis fuula Waaqa Jabaa duratti kufa.