9
Mucaan Nuuf Dhalateera
Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja.
Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera;
warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.
Ati saba baayʼiftee
gammachuu isaanii illee guddifteerta;
isaan akkuma uummanni yeroo
midhaan haamamutti gammadu sana,
akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti
gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.
Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa,
waanjoo isaanitti ulfaate
somaa gatiittii isaanii irraa
ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.
Kopheen loltuun ittiin duulte hundi,
uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi
ibiddaan gubama;
qoraan ibiddaas taʼa.
Mucaan nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.
Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa,
Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa
jedhamee ni waamama.
Babalʼinni mootummaa isaatii fi
nagaan isaa dhuma hin qabu.
Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan
hundeessee jabeessee dhaabuudhaan
yeroo sanaa jalqabee bara baraan
teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha.
Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuus
waan kana ni raawwata.
Waaqayyo Israaʼelitti Dheekkame
Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera;
kunis Israaʼel irra buʼa.
Uummanni hundi,
Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku;
isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;
10 “Xuubiiwwan diigamaniiru;
nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra;
mukkeen harbuu murmuramaniiru;
nu garuu birbirsa iddoo buusna.”
11 Kanaafuu Waaqayyo amajaajota Reziin isaanitti jabeesse;
diinota isaanii illee isaanitti kakaase.
12 Warri Sooriyaa gama baʼaatiin,
Filisxeemonni immoo gama lixaatiin
afaan banatanii Israaʼelin liqimsan.
 
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;
harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
 
13 Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine
yookaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.
14 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta;
damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;
15 maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha;
raajonni soba barsiisan immoo eegee dha.
16 Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu;
warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.
17 Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu
yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi
haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu;
namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii;
afaan hundinuus hamaa dubbata.
 
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;
harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
 
18 Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa;
inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa,
bosona gobbuus ni qabata;
akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.
19 Dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin
lafti ni gubatti;
namoonnis qoraan ibiddaa taʼu;
namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.
20 Karaa mirgaatiin ni butatu;
garuu beela hin baʼan;
karaa bitaatiin ni nyaatu;
garuu hin quufan.
Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;
21 Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata;
isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu.
 
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;
harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.