15
Raajii Moʼaabiin Mormu
16:6‑12 kwf – Erm 48:29‑36
Raajii waaʼee Moʼaab:
Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti;
halkanuma tokkottis baddeerti!
Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti;
halkanuma tokkottis baddeerti!
Diiboon gara mana qulqullummaatti,
iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa;
Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa.
Mataan hundinuu haadamaa dha;
areedni hundinuus cicciramaa dha.
Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu;
bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti
hundi isaanii ni booʼu;
imimmaan isaaniis ni dhangalaasu.
Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu;
sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame.
Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu;
lubbuun isaaniis ni romʼite.
 
Garaan koo Moʼaabiif iyya;
kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti,
hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu.
Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu;
karaa Hooronaayim irrattis,
waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu.
Bishaanonni Niimriim goganiiru;
margis coollageera;
biqiltuuwwan lafaa badaniiru;
wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne.
Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana
Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu.
Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame;
wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti
faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame.
Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru;
ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida;
warra Moʼaab keessaa baqatan
kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga.