16
Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraa
bulchaa biyyattiitiif,
gara tulluu Intala Xiyoonitti
xobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa.
Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamtee
asii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabis
malkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu.
 
“Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa.
Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessan
akkuma halkanii dukkaneessaa.
Baqattootas dhoksaa;
kooluu galtoota hin ganinaa.
Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan;
balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa.”
 
Cunqursaan ni bada;
badiisnis ni hafa;
warri nama miidhan lafa irraa badu.
Teessoon jaalalaan hundeeffama;
mana Daawit keessaa namni murtii kennuu irratti
murtii qajeelaa barbaadu,
kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokko
amanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa.
 
Nu of tuulummaa Moʼaab,
of guddisuu fi kooruu ishee,
of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra;
of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu.
Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu;
isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu.
Namoota Qiir Hareeshetiif
faarsanii booʼuudhaan gaddu.
Lafti qotiisaa Heshboon,
mukni wayinii Sibimaas coollageera.
Bulchitoonni sabootaa
mukkeen wayinii filatamoo
kanneen duraan Yaʼizeerin gaʼanii
gara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru.
Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire.
Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana,
mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa.
Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee,
ani imimmaan kootiin sin jiisa!
Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii fi
gammachuun yeroo midhaan siif
haamamu ture sun hafeera.
10 Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru;
namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessatti
hin faarfatu yookaan hin ililchu:
sababii ani ilillee balleesseef
namni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru.
11 Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa;
keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa.
12 Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte,
isheen ofuma dadhabsiifti;
yoo kadhannaaf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxe
kunis faayidaa tokko illee hin qabu.
13 Kun dubbii Waaqayyo duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha. 14  Waaqayyo garuu amma akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu.”