18
Raajii Itoophiyaadhaan Mormu
Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaa
kan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo;
isheen galaana irra,
bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti.
 
Yaa ergamoota ariifattoota,
gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu,
gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu,
saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne
kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa.
 
Isin uummanni addunyaa hundi,
warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irratti
ol qabamu ni argitu;
yeroo malakanni afuufamus
inuma dhageessu.
Waaqayyo akkana naan jedhe:
“Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu,
akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitti
calʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala.”
Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraaree
daraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼutti
inni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira;
damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa.
Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fi
bineensota bosonaatiif dhiifamu;
allaattiin bona guutuu,
bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu.
Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa,
saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa,
saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne
kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraa
Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama;
kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan Waaqayyo Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama.