19
Raajii Gibxiin Mormu
Raajii Gibxiin mormu:
kunoo Waaqayyo duumessa
saffisaa yaabbatee gara Gibxi dhufaa jira.
Waaqonni Gibxi tolfamoon fuula isaa duratti hollatu;
garaan warra Gibxis isaan keessatti baqa.
 
“Ani warra Gibxi walitti nan naqa;
obboleessi obboleessa isaa, ollaan ollaa isaa,
magaalaan tokko magaalaa kaan,
mootummaanis mootummaa kaan lola.
Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama;
anis karoora isaanii nan fashaleessa;
isaanis waaqota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii,
ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu.
Anis dabarsee warra Gibxi
humna gooftaa garaa jabaatu tokkootti nan kenna;
mootiin hamaan tokkos isaan ni bulcha” jedha Gooftaan,
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
 
Bishaanonni galaanaa ni gogu;
lagni isaas ni hirʼata; ni gogas.
Burqaawwan isaa ni ajaaʼu;
lageen Gibxiis qalʼatanii gogu.
Shambaqqoo fi dhallaadduun ni coollagu;
biqiltuuwwan ededa Abbayyaa,
kanneen qarqara lagichaa jiranis ni coollagu.
Wanni laga Abbayyaa biratti facaafame hundi ni goga;
bubbeedhaan fudhatama; deebiʼees hin argamu.
Qurxummii qabdoonni,
warri hokkoo Abbayyaa keessa buusan
hundi aadanii booʼu;
warri kiyyoo bishaanitti darbatanis ni dadhabu.
Warri quncee talbaa iddame qopheessan,
wayyaa dhooftonnis abdii kutatu.
10 Warri wayyaa dhaʼan mataa buusu;
warri mindaadhaan hojjetan hundis ni gaddu.
 
11 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota;
gorsitoonni Faraʼoon ogeeyyiinis
gorsa faayidaa hin qabne kennu.
Isin akkamitti Faraʼooniin,
“Ani namoota ogeeyyii keessaa tokkoo dha;
ani barataa mootota durii ti” jechuu dandeessu?
 
12 Namoonni keessan ogeeyyiin amma eessa jiru?
Mee isaan waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
Gibxiin mormuudhaan karoorfate;
isinitti haa himan; haa beeksisanis.
13 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota taʼaniiru;
bulchitoonni Memfiis gowwoomfamaniiru;
gurguddoonni saba ishee
Gibxiin karaa irraa jalʼisaniiru.
14  Waaqayyo hafuura nama hadoochu isaanitti dhangalaaseera;
isaan akkuma machaaʼaan tokko hoqqisaa gatantaru sana
biyya Gibxi waan isheen hojjettu hunda keessatti
gatantarsan.
15 Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii
yookaan shambaqqoon,
Gibxiif gochuu dandaʼan tokko iyyuu hin jiru.
16 Bara sana warri Gibxi akka dubartii taʼu. Harka ol kaʼe kan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti ol fudhatu sana arganii sodaan ni hollatu. 17 Biyyi Yihuudaas warra Gibxi ni naasisa; namni maqaan Yihuudaa biratti dhaʼamu hundinuu sababii waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti karoorfachaa jiru sanaatiif ni naʼa.
18 Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti.
19 Gaafas wiirtuu Gibxi keessatti iddoon aarsaa tokko Waaqayyoof ni hojjetama; daangaa biyyattii irrattis siidaan tokkoo Waaqayyoof ni dhaabama. 20 Kunis biyya Gibxi keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf mallattoo fi dhuga baʼumsa taʼa. Yeroo isaan sababii cunqursitoota isaaniitiif gara Waaqayyootti iyyatanitti, inni fayyisaa fi baraaraa tokko ergeefii isaan oolcha. 21 Kanaafuu Waaqayyo warra Gibxitti of beeksisa; isaanis gaafas Waaqayyoon ni beeku. Isaanis qalmaa fi kennaa midhaaniitiin waaqeffatu; Waaqayyoofis ni wareegu; wareega sanas ni baafatu. 22  Waaqayyo biyya Gibxi ni rukuta; rukutees ni fayyisa. Isaan gara Waaqayyootti ni deebiʼu; innis kadhannaa isaaniitiif deebii kennee isaan fayyisa.
23 Gaafas Gibxii hamma Asooritti karaa guddaa tokkotu jiraata. Warri Asoor gara Gibxi, warri Gibxis gara Asoor ni dhaqu. Warri Gibxii fi warri Asoor walii wajjin ni waaqeffatu. 24 Israaʼel bara sana keessa Gibxii fi Asooritti dabalamtee sadaffaa taati; kunis lafa irratti eebba taʼa. 25  Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼus, “Gibxi sabni koo, Asoor hojiin harka kootii fi Israaʼel dhaalli koo haa eebbifaman” jedhee isaan eebbisa.