20
Raajii Gibxii fi Itoophiyaadhaan Mormu
Bara ajajaan muummichi Sargoon mooticha Asooriin ergame sun gara Ashdood dhufee lolee ishee qabate sana keessa, yeroodhuma sanatti Waaqayyo karaa Isaayyaas ilma Amoosiitiin dubbate. Innis, “Uffata gaddaa dhagna kee irraa, kophees miilla kee irraa baasi” jedheen. Innis akkasuma godhe; qullaa fi miilla duwwaa asii fi achi deeme.
Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Akkuma garbichi koo Isaayyaas, akka Gibxii fi Itoophiyaaf mallattoo fi akeekkachiisa taʼuuf jedhee waggaa sadii qullaa fi miilla duwwaa deeme sana, akkasuma mootiin Asoor boojiʼamtoota Gibxii fi baqattoota Itoophiyaa dargaggeessaa fi jaarsa, qullaa fi miilla duwwaa hambisee teessuma isaanii illee qullaa godhee fudhatee deeme; kun warra Gibxiitiif qaanii dha. Warri Itoophiyaa amanatanii Gibxiin boonan ni sodaatu; ni qaanaʼus. Gaafas warri qarqara galaanaa irra jiraatan akkana jedhu; ‘Warra nu itti irkanne, warra mooticha Asoor jalaa nu baasu jennee gargaarsaaf itti baqanne sana irra waan gaʼe mee ilaalaa! Yoos nu akkamitti jalaa baʼuu dandeenya?’ ”