22
Raajii Waaʼee Yerusaalem
Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa:
Amma maaltu isin rakkisee
isin hundi fiixee manaatti ol baatan?
Yaa magaalaa wacaan guutamte,
yaa magaalaa jeeqamtuu fi fandalaltuu,
namoonni si jalaa qalaman goraadeedhaan hin ajjeefamne
yookaan waraana keessatti hin dhumne.
Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan;
isaan utuma xiyya hin darbatin qabaman.
Isin utuma diinni fagoo jiruu baqattan iyyuu
warri qabamtan hundi walumaan mana hidhaatti galfamtaniirtu.
Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa;
ani hiqqifadhee nan booʼa.
Badiisa saba koo irratti
na jajjabeessuu hin yaalinaa” nan jedhe.
 
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
Sulula Mulʼataa keessatti, guyyaa jeequmsaa,
dhidhiitamuutii fi burjaajii,
akkasumas guyyaa itti dallaa diiguutii fi
tulluuwwanittis iyyuu qaba.
Eelaam manʼee xiyyaa qabattee
gaariiwwanii fi abbootii fardaa fudhattee baati;
Qiiris gaachana ishee qabatti.
Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru;
abbootiin fardaas karra magaalattii irratti ramadamaniiru.
 
Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera.
Atis gaafas miʼa lolaa kan Masaraa Bosonaa
keessa jiru sana abdatta.
Dallaan Magaalaa Daawit
karaa baayʼee akka urame argitaniirtu;
Haroo Gad aanaa keessattis
bishaan kuufattaniirtu.
10 Isin manneen Yerusaalem lakkooftan;
dallaa ishee dhagaa jabeessuuf jettaniis manneen sana diigdan.
11 Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduutti
kuusaa bishaanii tolchitan;
garuu isin gara Isa waan sana hojjetee hin ilaalle;
yookaan Isa bara dheeraan dura waan sana karoorseef
ulfina hin kennine.
 
12 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
akka ati boossee wawwaattuuf,
akka ati rifeensa mataa keetii of irraa cirtee
wayyaa gaddaa uffatuuf guyyaa sana si waame.
13 Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu,
loon gorraʼuu fi hoolota qaluu,
foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu jira!
Isin, “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas;
bor ni duunaatii!” jettu.
14  Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
15 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Dhaqiitii itti gaafatamaa kanaan,
Shebnaa, bulchaa masaraa mootummaatiin akkana jedhi:
16 Ati maal asii hojjetta?
Akka ati iddoo kanatti iddoo awwaalaa qopheeffattu,
akka iddoo ol kaʼaa irratti boolla awwaala keetii qotattu,
akka kattaa keessatti iddoo boqonnaa keetii tolchattu
eenyutu eeyyama siif kenne?
 
17 “Yaa nama jabaa kunoo,
Waaqayyo jabeessee qabee si darbachuuf jira.
18 Inni akkuma kubbaa furuursee
biyya balʼaa tokko keessa si buusa.
Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta;
gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu!
19 Ani aangoo kee irraa sin buusa;
atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta.
20 “Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama. 21 Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa. 22 Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu. 23 Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa. 24 Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
25  Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.