23
Raajii Waaʼee Xiiroos
Raajii waaʼee Xiiroos:
Yaa dooniiwwan Tarshiishi wawwaadhaa!
Xiiroos barbadooftee
mana yookaan buufata doonii malee hafteertii.
Biyya Qophroos
oduun isaan qaqqabeera.
 
Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fi
daldaltoonni Siidoonaa, warri galaana irra marmaaran
isin sooromsan calʼisaa.
Midhaan Shihoor
bishaanota gurguddaa irraan dhufe;
oomishni Abbayyaa Xiiroosiif galii ture;
isheenis lafa gabaa kan sabootaa taate.
 
Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi;
galaanni akkana jedhee dubbateeraatii:
“Ani hin ciniinsifanne yookaan hin deenye;
ilmaan hin horanne yookaan intallan hin guddifanne.”
Yeroo oduun gara Gibxi dhufutti
isaan gabaasa Xiiroos irraa dhufuun ni dhiphatu.
 
Isin gara Tarshiishitti ceʼaa;
yaa warra qarqara galaanaa jiraattan wawwaadhaa.
Magaalaa dulloomtuun durii,
kan miilli ishee ishee fuudhee,
akka isheen biyya fagoo keessa qubattuuf ishee geesse kun,
magaalaa kee ishee fandalaltuudhaa?
Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftu
kan daldaltoonni ishee ilmaan moototaa taʼan
kan daldaltoonni ishee lafa irratti kabajamoo taʼanitti
eenyutu waan kana karoorfate?
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
of jaja ishee kan ulfina ishee hunda keessa jiru gad deebisuu fi
warra lafa irratti kabajaman hunda salphisuuf
waan kana karoorfateera.
 
10 Yaa Intala Tarshiish,
ati siʼachi buufata doonii hin qabaattuutii,
lafa kee hamma Abbayyaa bira gaʼutti qotadhu.
11  Waaqayyo harka isaa galaana irra qabee
mootummoota hollachiiseera.
Inni akka daʼannoowwan ishee diigamaniif
waaʼee Kanaʼaan ajaja kenneera.
12 Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa,
ati kana caalaa hin fandalaltu!
 
“Kaʼiitii gara Qophiroositti ceʼi;
ati achitti iyyuu boqonnaa hin argattu.”
13 Mee biyya Baabilonotaa ilaali;
uummanni kun amma seenaa hin qabu!
Warri Asoor akka isheen
iddoo jireenya uumamawwan gammoojjii taatu godhan;
isaan siree eegumsaa ijaarratan;
daʼannoowwan ishee qullaa hambisan;
ishees ni barbadeessan.
 
14 Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa;
daʼannoon keessan barbadeeffameeraatii!
15 Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa:
16 “Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu,
baganaa qabadhuutii magaalaa keessa naannaʼi;
ati akka yaadatamtuuf baganaa sirriitti rukuti;
sirba baayʼee sirbi.”
17 Dhuma waggaa torbaatamaatti Waaqayyo Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti. 18 Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu Waaqayyoof addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa.