31
Warra Gibxin Abdataniif Wayyoo
Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif,
warra fardeen abdataniif
warra gaariiwwan isaaniitii fi
jabina abbootii fardeen isaanii amanatanii
garuu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalle
yookaan gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanneef wayyoo.
Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa;
inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu.
Inni mana hamootaatti,
warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa.
Warri Gibxi namootuma malee Waaqa miti;
fardeen isaaniis foonuma malee hafuura miti.
Yeroo Waaqayyo harka isaa diriirfatutti,
inni gargaaru ni gufata;
inni gargaaramus ni kufa;
isaan lachuu walii wajjin badu.
Waaqayyo akkana naan jedha:
“Akkuma leenci,
leenci guddaan tokko waan qabate irratti aadu sana,
tuunni tiksootaa guutuun isatti wal waammatan iyyuu,
inni iyya isaanii hin sodaatu;
yookaan waca isaaniitiin hin raafamu;
akkasuma Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
Tulluu Xiyoon irratti waraana banuuf gad buʼa.
Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sana
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
Yerusaalemiif gaachana taʼa;
inni gaachana taʼeefii ishee baraara;
ishee bira darba; ishee oolchas.”
Yaa saba Israaʼel, gara Isa akka malee itti finciltan sanaatti deebiʼaa. Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii.
“Asoor goraadee kan namaa hin taʼiniin kufti;
goraadeen nama duʼa hin oollees isaan fixa.
Isaan goraadee duraa baqatu;
dargaggoonni isaaniis dirqamaan hojii humnaa hojjetu.
Daʼoon isaanii sababii sodaatiif ni jiga;
ajajjoonni isaaniis faajjii waraanaa arganii hollatu”
jedha Waaqayyo, inni ibiddi isaa Xiyoon keessa,
kan boolli ibidda isaa immoo Yerusaalem keessa jiru sun.