32
Mootummaa Qajeelummaa
Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa;
bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu.
Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii,
akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti,
akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi
akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa.
 
Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu;
gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata.
Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata;
arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata.
Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu;
addaggeenis baayʼee hin kabajamu.
Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf
qalbiin isaa hammina hojjeta;
inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta;
waaʼee Waaqayyoos dogoggora odeessa;
inni nama beelaʼe beela hin baasu;
nama dheebote illee bishaan dhowwata.
Malli addaggee hammina;
inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu
sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada.
Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa;
hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata.
Dubartoota Yerusaalem
Yaa dubartoota akka malee boontan
kaʼaatii na dhaggeeffadhaa;
yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan
waan ani jedhu dhagaʼaa!
10 Isin warri waan nagaa qabdan of seetan
erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu;
wayiniin ija hin kennu;
yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu.
11 Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa;
intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa!
Uffata keessan of irraa baasaatii
wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa.
12 Lafa qotiisaa gaariif,
muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa;
13 lafa uummata koo kan qoraattii fi
sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa;
dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi
magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa.
14 Daʼannoon ni ona;
magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti;
magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu;
iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu;
15 kunis hamma Hafuurri Qulqulluun
gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi
hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee
lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa.
16 Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata;
qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata.
17 Buʼaan qajeelummaa nagaa dha;
faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin
tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.
18 Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu,
manneen bultii sodaa hin qabne
iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata.
19 Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu,
magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti;
20 isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii
loon keessanii fi harroota keessan
nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha.