33
Dhiphinaa fi Gargaarsa
Yaa barbadeessaa,
ati kan hin barbadeeffamin siif wayyoo!
Yaa gantuu, ati kan hin ganamin siif wayyoo!
Ati yommuu barbadeessuu dhiiftutti ni barbadeeffamta;
yommuu ganuu dhiiftuttis ni ganamta.
 
Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa.
Ati ganama ganama jabina keenya,
yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
Sagalee kakawwee keetiitiin, namoonni baqatu;
yeroo ati ol kaatutti, saboonni ni bittinnaaʼu.
Yaa saboota, akkuma hawwaannisni walitti qabamu sana
boojuun keessan walitti qabama;
namoonnis akkuma tuuta hawwaannisaa irra uʼutaalu.
 
Waaqayyo ol ol jedha; inni ol gubbaa jiraataatii;
inni murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan Xiyoonin guuta.
Inni bara keetiif hundee amansiisaa, kuusaa fayyinaa,
kan ogummaatii fi kan beekumsaa taʼa;
Waaqayyoon sodaachuun furtuu badhaadhummaa kanaa ti.
 
Kunoo gootonni isaanii sagalee ol fudhatanii daandii irratti iyyu;
ergamoonni nagaas hiqqifatanii booʼu.
Karaawwan gurguddaan onaniiru;
namni karaa irra deemu hin jiru.
Walii galteen diigameera;
dhuga baatonni ishee tuffatamaniiru;
namni tokko iyyuu hin kabajamu.
Lafti ni boossi; ni barbadoofti;
Libaanoon ni qaanofti; ni coollagdi;
Shaaroon akka gammoojjii taati;
Baashaanii fi Qarmeloos baala isaanii harcaafatu.
 
10  Waaqayyo akkana jedha; “Ani amma nan kaʼa;
ani amma ol ol nan jedha;
ani amma nan kabajama.
11 Isin habaqii ulfooftu; cidii deessu;
hafuurri isin baafattan ibidda gubee isin fixuu dha.
12 Namoonni akkuma nooraa gubamu;
akkuma qoraattii cirameettis ibiddi itti qabsiifama.”
 
13 Isin warri fagoo jirtan waan ani hojjedhe dhagaʼaa;
warri dhiʼoo jirtanis humna koo beekaa!
14 Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu;
warri Waaqatti hin bulles hollachaa,
“Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa?
Nu keessaa eenyutu
ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu.
15 Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu,
kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee
harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu,
namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee
jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu,
16 iddoo ol kaʼaa irra jiraata;
daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa.
Buddeenni isaaf ni kennama;
bishaanis isatti hin hirʼatu.
 
17 Iji kee mooticha miidhagummaa isaatiin arga;
biyya fagoo jirtu illee ni ilaala.
18 Atis akkana jettee garaa keetti raafama durii sana yaadda:
“Ajajaan ol aanaan sun eessa jira?
Namichi gibira fuudhu sun eessa jira?
Ajajaan itti gaafatamaan gamoowwanii eessa jira?”
19 Ati siʼachi saba hamaa,
kan haasaan isaa namaaf hin galle,
kan afaan isaa haaraa taʼee fi hin hubatamne hin argitu.
 
20 Xiyoon, magaalaa ayyaana keenyaa hubadhuu ilaali;
iji kee Yerusaalemin, iddoo jireenyaa nagaa qabu,
dunkaana hin buqqifamne arga;
qofoon ishee hin buqqifamu;
yookaan funyoon ishee tokko iyyuu hin citu.
21  Waaqayyo achitti Humna keenya taʼa.
Iddoon sunis akkuma lageen gurguddaatii fi burqaawwanii taʼa.
Dooniin waraanaa kan batoodhaan oofamu tokko iyyuu
isaan irra hin deemu;
dooniin jabaan tokko iyyuu isaan irra hin qaxxaamuru.
22  Waaqayyo abbaa murtii keenyaatii;
Waaqayyo seera nuuf kenna;
Waaqayyo mootii keenya;
inni nu fayyisa.
 
23 Funyoon kee laafeera;
utubaan isaa jabaatee hin dhaabamne;
sharaanis hin diriirfamne.
Ergasii boojuun baayʼeen ni qoodama;
okkolaan iyyuu boojuu ni fudhata.
24 Namni Xiyoon keessa jiraatu kam iyyuu, “Na dhukkuba” hin jedhu;
cubbuun warra achi jiraatanis ni dhiifamaaf.