41
Gargaaraa Israaʼel
Waaqayyo akkana jedha;
“Yaa biyyoota bishaan gidduu, fuula koo duratti calʼisaa!
Saboonni jabina isaanii haa haaromfatan!
Isaan fuula duratti baʼanii haa dubbatan;
walii wajjin murtiidhaaf haa dhiʼaannu.
 
“Kan baʼa biiftuutii nama tokko kakaasee
qajeelummaadhaan tajaajila isaatiif isa waame eenyu?
Inni saboota dabarsee harka isaatti kenna;
moototas isa jalatti bulcha.
Inni goraadee isaatiin daaraa,
xiyya isaatiinis habaqii bubbeedhaan
bittinnaaʼu isaan godha.
Inni isaan ariʼee,
daandii miilli isaa irra deemee hin beekne irra nagaan darba.
Jalqabaa kaasee dhaloota waamee
waan kana kan tolchee fi hojjete eenyu?
Ani Waaqayyo isa duraa ti;
isa dhumaatiifis ani isuma.”
 
Biyyoonni bishaan gidduu arganii sodaatu;
daariiwwan lafaa ni hollatu.
Isaanis ni dhiʼaatu; gara fuula duraattis dhufu;
tokkoon tokkoon namaa wal gargaara;
obboleessa isaatiinis, “Jabaadhu!” jedha.
Tumtuun sibiilaa tumtuu warqee ni jajjabeessa;
inni burruusaan wal qixxeessus,
isa gemmoo irratti sibiila tumu jajjabeessa.
Waaʼee sibiila walitti baqsuu, “Wanni kun gaarii dha” jedha.
Akka inni hin sochooneefis Waaqa tolfamaa sana
mismaaraan walitti qabsiisa.
 
“Ati garuu, yaa garbicha koo Israaʼel,
yaa Yaaqoob kan ani filadhe,
sanyii Abrahaam michuu kootii,
ani handaara lafaatii si fudhadhe;
golee fagoodhaan si waammadhe.
Ani, ‘Ati garbicha koo ti’ siin jedhe;
ani si filadheera; si hin gannes,
10 Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;
hin raafamin; ani Waaqa keetii.
Ani sin jabeessa; sin gargaaras;
ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
 
11 “Kunoo, warri sitti aaran hundi,
ni qaanaʼu; ni salphatus;
warri siin morman akka waan hin jirree taʼu; ni badus.
12 Ati diinota kee barbaadduu iyyuu, isaan hin argattu.
Warri waraana sitti banan,
guutumaan guutuutti akka waan hin jirree taʼan.
13 Ani Waaqayyo Waaqni kee
harka kee mirgaa nan qabaatii;
inni, ‘Hin sodaatin;
ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
14 Yaa Yaaqoob raammoo nana,
Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin;
ani mataan koo sin gargaaraatii” jedha Waaqayyo,
Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun.
15 “Ani kunoo, meeshaa ittiin midhaan dhaʼan,
meeshaa haaraa fi qaramaa kan ilkaan baayʼee qabu sin taasisa.
Ati tulluuwwan dhooftee caccabsita;
gaarran immoo akka habaqii goota.
16 Ati jara ni afarsita; qilleensis ol isaan fudhata;
bubbeen jabaan isaan bittinneessa.
Ati garuu Waaqayyotti ni gammadda;
Qulqullicha Israaʼelinis ulfina argatta.
 
17 “Hiyyeeyyii fi rakkattoonni bishaan barbaadu;
garuu homaa hin argatan;
arrabni isaanii dheebuudhaan goggogeera.
Ani Waaqayyo garuu deebii nan kennaaf;
ani Waaqni Israaʼel jara hin gatu.
18 Lafa ol kaʼaa qullaa irra lageen nan yaasa;
sululoota keessa immoo burqaa nan burqisiisa.
Gammoojjii haroo bishaaniitti,
lafa goges burqaa bishaaniitti nan geeddara.
19 Gammoojjii keessatti
gaattiraa, laaftoo, kusaayee fi ejersa nan biqilcha.
Lafa onaa keessatti immoo,
Birbirsa, qararoo fi hadheessa wal faana nan dhaaba.
20 Kunis akka namoonni
akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete,
akka Qulqullichi Israaʼel waan kana uume arganii beekaniif,
akkasumas akka hundi isaanii waan kana qalbeeffatanii hubataniif.
 
21 “Dhimma keessan dhiʼeeffadhaa” jedha Waaqayyo;
“Ragaa keessan fidadhaa” jedha mootiin Yaaqoob.
22 “Akka isaan waan taʼuuf jiru nutti himaniif,
waaqota keessan tolfamoo fidadhaa.
Akka nu isaan hubannee
waan isaan dhuma irratti taʼan beeknuuf,
wantoonni bara dur maal akka turan nutti himaa.
Yookaan wantoota dhufuuf jiran nutti odeessaa;
23 akka nu akka isin waaqota taatan beeknuuf,
waan fuul duratti taʼuuf jiru nutti himaa.
Akka nu rifannee sodaan guutamnuuf,
waan gaarii yookaan waan hamaa hojjedhaa.
24 Kunoo isin wayittuu hin hedamtan;
hojiin keessanis gonkumaa gatii hin qabu;
kan isin filatu kam iyyuu jibbisiisaa dha.
 
25 “Ani nama tokko kaabaa nan kaase; innis dhufa;
inni baʼa biiftuutii dhufus maqaa koo ni waammata.
Inni akkuma suphee dhooftuun suphee dhidhiitu sana,
bulchitoota akka dhoqqeetti dhidhiita.
26 Akka nu beekuu dandeenyuuf
eenyutu jalqabumaa kaasee waan kana dubbate?
Yookaan akka nu, ‘Inni sirrii dha’ jechuu dandeenyuuf
eenyutu duraan dursee waan kana dubbate?
Eenyu iyyuu waan kana hin himne;
namni tokko iyyuu duraan dursee hin himne;
namni tokko iyyuu dubbii keessan hin dhageenye.
27 Namni jalqabatti, ‘Kunoo isaan as jiru!’
jedhee Xiyoonitti hime ana ture.
Ani nama oduu gaarii himu tokko Yerusaalemiif kenneera.
28 Ani nan ilaale; garuu homtuu hin turre;
isaan keessaa namni gorsa kennu tokko iyyuu hin jiru;
yommuu ani isaan gaafadhus namni deebii kennu tokko iyyuu hin jiru.
29 Kunoo, hundi isaanii faayidaa hin qaban!
Hojiin isaaniis gatii hin qabu;
fakkiiwwan isaaniis qilleensuma duwwaa dha.