42
Garbicha Waaqayyoo
“Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu,
filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana;
ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa;
inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
Inni hin wacu yookaan hin iyyu;
yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.
Shambaqqoo buruqe hin cabsu;
foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.
Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;
hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti,
inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu.
Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.”
 
Waaqayyo Waaqni samiiwwan uumee diriirse,
inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete,
inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee
warra ishee irra jiraataniifis
jireenya kenne sun akkana jedha:
“Ani Waaqayyo qajeelummaadhaan si waameera;
harka kees nan qaba.
Ani si eegee sabootaaf kakuu,
Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa;
atis ija jaamotaa ni banta;
mana hidhaatii boojiʼamtoota ni hiikta;
warra dukkana keessa jiraatanis hidhaadhaa ni baafta.
 
“Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha!
Ani ulfina koo kan biraatiif,
galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.
Kunoo wanni duraanii raawwatameera;
anis waan haaraa nan dubbadha;
utuu isaan hin biqilin,
ani waaʼee isaanii sitti nan odeessa.”
Faarfannaa Galataa
10 Isin warri galaana buutanii fi wantoonni achi keessa jiraattan hundi,
biyyoonni bishaan gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundi,
faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;
handaara lafaatiis galata isaa faarfadhaa.
11 Gammoojjii fi magaalaawwan ishee sagalee isaanii ol haa fudhatan;
gandoonni Qeedaar keessa jiraatan haa gammadan.
Namoonni Seelaa gammachuudhaan haa faarfatan;
fiixee tulluuwwanii irraa haa iyyan.
12 Isaan Waaqayyoof ulfina haa kennan;
biyyoota bishaan gidduu keessattis galata isaa haa labsan.
13  Waaqayyo akka nama jabaa tokkootti ni duula;
akka goota tokkoottis onnee isaa kakaasa;
sagalee ol fudhatees ni dhaadata;
diinota isaa irrattis ol aantummaa argata.
 
14 “Ani yeroo dheeraaf calʼiseera;
ani afaan qabadhee of dhowweera.
Amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabeetti nan iyya;
nan argana; hafuurris na cita.
15 Ani tulluuwwanii fi gaarran nan onsa;
biqiltuuwwan isaanii hundas nan gogsa;
ani lageen biyyoota bishaan gidduutti nan geeddara;
haroowwanis nan gogsa.
16 Ani jaamota karaa isaan hin beekne irra nan qajeelcha;
daandii duraan hin beekamin irra nan deemsisa;
ani dukkana fuula isaanii dura jiru ifatti nan geeddara;
lafa buʼaa bayiis wal nan qixxeessa.
Wanni ani hojjedhu kanneenii dha;
ani isaan hin dhiisu.
17 Warri waaqota tolfamoo amanatan,
kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqota keenya’ jedhan garuu
duubatti deebiʼu; ni salphatus.
Israaʼel Jaamaa fi Duudaa dha
18 “Isin duudota nana, dhagaʼaa;
jaamota nana, ilaalaa; argaas!
19 Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu?
Duudaan akka ergamaa ani ergu sanaas eenyu?
Jaamaan akka nama anaaf of kennee,
jaamaan akka Garbicha Waaqayyoo eenyu?
20 Ati waan baayʼee argite; garuu hin qalbeeffanne;
gurri kee banaa dha; garuu ati waan tokko iyyuu hin dhageessu.”
21 Waaʼee qajeelummaa isaatiif jedhee
seera isaa guddisuu fi ulfina qabeessa gochuun
Waaqayyoon gammachiiseera.
22 Sabni kun garuu saba saamamee boojiʼamee dha;
hundii isaanii boolla keessatti kiyyoodhaan qabamaniiru;
mana hidhaa keessas dhokfamaniiru.
Isaan fudhatamaniiru;
kan isaan baraarus hin jiru;
isaan boojiʼamaniiru;
namni, “Isaan deebisaa” jedhus hin jiru.
 
23 Isin keessaa eenyutu waan kana dhaggeeffata?
Bara dhufuuf jiru keessas eenyutu qalbeeffatee dhagaʼa?
24 Eenyutu Yaaqoobin boojuuf,
Israaʼelinis saamtotatti dabarsee kenne?
Kan nu cubbuu itti hojjenne, Waaqayyo mitii?
Isaan sababii karaa isaa duukaa hin buuneef,
seera isaatiif hin ajajamne.
25 Kanaafuu inni dheekkamsa isaa bobaʼaa sana,
waraana hamaas isaanitti erge.
Arraba ibiddaatiin isaan marse; isaan garuu hin hubanne;
ibiddi sunis isaan gube; isaan garuu hin qalbeeffanne.