59
Cubbuu, Balleessaa Himachuu fi Furama
Dhugumaan harki Waaqayyoo fayyisuuf gabaabaa miti;
yookaan gurri isaa dhagaʼuu hin didne.
Yakki keessan garuu Waaqa keessaniin
gargar isin baaseera;
akka inni isin hin dhageenyeef,
cubbuun keessan fuula isaa isin duraa dhokseera.
Harki keessan dhiigaan,
qubni keessan immoo yakkaan faalameeraatii.
Afaan keessan soba dubbata;
arrabni keessan immoo waan hamaa guunguma.
Namni murtii qajeelaa barbaadu hin jiru;
kan himata isaa amanamummaadhaan dhiʼeeffatu
tokko iyyuu hin jiru.
Isaan waan faayidaa hin qabne amanatan; soba dubbatan;
gowwoomsaa ulfaaʼanii hammina dhalan.
Isaan hanqaaquu buutii yaasan; manʼee sariitii foʼan.
Namni hanqaaquu isaanii nyaatu kam iyyuu ni duʼa;
yommuu tokkoon isaa cabutti
buutiitu keessaa baʼa.
Foʼaan isaanii uffata hin taʼu;
waan tolchaniinis dhagna isaanii haguuggachuu hin dandaʼan.
Hojiin isaanii hojii hamminaa ti;
harka isaanii keessas hojii fincilaatu jira.
Miilli isaanii gara cubbuutti fiiga;
isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatan.
Yaadni isaanii jalʼaa dha;
diiguu fi barbadeessuun mallattoo karaa isaanii ti.
Isaan karaa nagaa hin beekan;
murtiin qajeelaan karaa isaanii irra hin jiru.
Daandii isaanii jalʼisaniiru;
namni achi irra deemu tokko iyyuu nagaa hin beeku.
 
Kanaafuu murtiin qajeelaan nurraa fagaateera;
qajeelummaanis nu bira hin gaʼu.
Nu ifa barbaanna; garuu hundinuu dukkana;
ifa guyyaa barbaanna; garuu dimimmisa keessa deemna.
10 Nu akkuma jaamaa dallaa qaqqabachaa deemna;
akkuma warra ija hin qabnee harkaan karaa keenya barbaaddanna.
Akka nama halkaniin deemuu guyyaa saafaadhaan guggufanne;
namoota jajjaboo gidduutti akka warra duʼanii taaneerra.
11 Nu hundi akka amaaketaa gururiina;
akka gugees gaddaan aadna.
Murtii qajeelaa barbaanna; garuu hin arganne;
fayyina barbaanna; inni garuu nurraa fagaateera.
 
12 Yakki keenya fuula kee duratti baayʼateeraatii;
cubbuun keenyas dhugaa nutti baʼa.
Yakki keenya nu wajjin jiraata;
nus balleessaa keenya ni beekna;
13 nu fincillee Waaqayyoon sobne;
Waaqa keenya duukaa buʼuu irraa garagalleerra;
goolii fi fincila kakaafneerra;
soba garaan keenya yaades dubbanneerra.
14 Kanaafuu murtii qajeelaan duubatti deebifameera;
qajeelummaanis fagoo dhaabata;
dhugaan karaatti gufate;
tollis ol seenuu hin dandaʼu.
15 Dhugaan eessumattuu hin argamu;
namni cubbuu irraa fagaatus waan hamaaf saaxilama.
 
Waaqayyo akka murtii qajeelaan hin jirre arge;
kunis isa gaddisiise.
16 Inni akka namni tokko iyyuu hin jirre arge;
kan gara isaatti kadhannaa dhiʼeessu waan dhabameefis
ni dinqisiifate.
Kanaafuu irreen isaa fayyina isaa fidde;
qajeelummaan ofii isaas isa utube.
17 Qajeelummaa akka gaachana qomaatti kaaʼatee
gonfoo fayyinaas mataatti gombifate;
wayyaa ittiin haaloo baʼu uffatee
akka nama waaroo uffatuuttis hinaaffaa ofitti marate.
18 Kanaafuu inni akkuma hojii isaaniitti,
diinota isaatiif dheekkamsa,
amajaajota isaaniitiif immoo adabbii malu ni kenna;
biyyoota bishaan gidduutiifis hojii harka isaanii kennaaf.
19 Namoonni lixa biiftuu maqaa Waaqayyoo sodaatu;
warri baʼa biiftuutti argaman immoo ulfina isaa kabaju.
Inni akkuma lolaa,
kan bubbeen Waaqayyoo oofuutti ni dhufaatii.
 
20 “Furaan gara Xiyoon, gara warra mana Yaaqoob keessaa
qalbii jijjiirratanii ni dhufa”
jedha Waaqayyo.
21 “Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha Waaqayyo. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha Waaqayyo.