60
Ulfina Xiyoon
“Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi;
ulfinni Waaqayyoo siif baʼeera.
Kunoo, dukkanni lafa,
dukkanni hamaan immoo uummattoota haguuga;
Waaqayyo garuu siif kaʼeera;
ulfinni isaas sirraa mulʼata.
Saboonni gara ifa keetii,
mootonni immoo gara ifa kee 2 isa bariitti ni dhufu.
 
“Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali;
hundinuu wal gaʼanii gara kee ni dhufu;
ilmaan kee fagoodhaa,
intallan kees qomatti baatamanii gara kee ni dhufu.
Ergasii ni ilaalta; ni calaqqiftas;
lapheen kee ni dhaʼata; gammachuudhaanis ni guutama;
qabeenyi galaanotaa hundinuu gara kee dhufu;
badhaadhummaan sabootaas kan kee taʼa.
Gaalli baayʼeen, ilmaan gaalaa kan Midiyaanii fi
kan Eefaa biyya kee ni guutu.
Namoonni hundi warqee fi ixaana fidanii,
galata Waaqayyoo labsaa
biyya Shebaatii ni dhufu.
Bushaayeen Qeedaar hundinuu gara keetti walitti qabamu;
korbeeyyiin hoolaa Nabaayot si tajaajilu;
isaan iddoo aarsaa koo irratti aarsaawwan fudhatama qaban ni taʼu;
anis mana ulfina kootii nan kabaja.
 
“Warri akkuma gugeewwanii manneen isaaniitti barrisan,
kanneen akka duumessaa gugatan kunneen eenyu faʼi?
Dhugumaan biyyoonni bishaan gidduu na abdatu;
sababii inni ulfina sitti uffiseef,
maqaa Waaqayyo Waaqa keetii,
Qulqullicha Israaʼeliitiif jedhanii
dooniiwwan Tarshiish dursanii,
meetii fi warqee isaanii wajjin
ilmaan kee fagoodhaa ni fidu.
 
 
10 “Namoonni ormaa dallaa kee ni ijaaru;
mootonni isaaniis si tajaajilu;
Ani aariidhaan si dhaʼu illee,
gara laafina koo jaalalaan sitti nan argisiisa.
11 Akka namoonni badhaadhina sabootaa gara keetti fidaniif,
akka mootonni isaaniis hiriiraan gara keetti seenaniif,
karrawwan kee yeroo hunda banamaa taʼu;
isaan halkanii guyyaa gonkumaa hin cufaman;
12 Sabni yookaan mootummaan si hin tajaajille
ni barbadaaʼuutii;
guutummaan guutuuttis ni balleeffamu.
 
13 “Ulfinni Libaanoon,
gaattiraan, qararoo fi hadheessi,
lafa iddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufu;
anis iddoo miilli koo dhaabatu nan kabaja.
14 Ilmaan warra si cunqursanii siif sagadaa gara kee dhufu;
warri si tuffatan hundinuus miilla keetti kufu;
isaanis Magaalaa Waaqayyoo
Xiyoon kan Qulqullicha Israaʼel jedhanii si waamu.
 
15 “Yoo ati jibbamtee gatamtee namni tokko iyyuu
si keessaan darbuu lagate iyyuu,
ani boontuu bara baraatii fi
gammachuu dhaloota hundaa sin taasisa.
16 Ati aannan sabootaa ni dhugda;
harma moototaas ni hoota.
Yommus ani Waaqayyo Jabaan Yaaqoob,
Fayyisaa kee fi Furaa kee akkan taʼe ni beekta.
17 Ani qooda naasii warqee,
qooda sibiilaa immoo, meetii siif nan fida.
Qooda mukaa naasii,
qooda dhagaa immoo, sibiila siif nan fida.
Nagaa mootii kee,
qajeelummaa immoo, bulchaa kee nan godha.
18 Siʼachi biyya kee keessatti gooliin,
daarii kee keessatti immoo diigamni yookaan badiisni
hin dhagaʼamu;
ati garuu dallaa kee Fayyina,
karrawwan kee immoo Galata jettee waamta.
19 Siʼachi aduun guyyaadhaan,
ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu;
Waaqayyo ifa kee bara baraa taʼaatii;
Waaqni kee ulfina kee ni taʼa.
20 Aduun kee deebitee hin dhiitu;
jiʼi kee hin badu;
Waaqayyo ifa kee bara baraa ni taʼa;
barri gadda kees ni raawwatama.
21 Yoos uummanni kee hundi qajeelaa ni taʼa;
bara baraanis lafa ni dhaala.
Isaan biqiltuu ani dhaabbadhee dha;
hojii harka koo, kan ani ittiin ulfina koo mulʼisuuf
jedhee hojjedhee dha.
22 Maatiin muraasni kuma,
gareen xinnaan immoo saba guddaa taʼa.
Ani Waaqayyoo dha;
waan kana yeroo isaatti dafee nan hojjedha.”