6
Ergama Isaayyaas
Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge. Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan. Isaanis:
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha;
lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti”
jedhanii walitti lallabaa turan. Sagalee isaaniitiin hundeen dhaaba balbalaa ni raafame; manni qulqullummaas aaraan guutame.
Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.”
Suraafeloota keessaa inni tokko cilee bobaʼu kan qabduudhaan iddoo aarsaa irraa fuudhe tokko harkatti qabatee gara kootti barrise. Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe.
Anis sagalee Gooftaa kan, “Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?” jedhu nan dhagaʼe.
Kana irratti ani, “Kunoo anuu jira. Na ergi!” nan jedhe.
Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi:
“ ‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan;
arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’
10 Qalbii saba kanaa doomsi;
gurra isaanii cuqqaali;
ija isaaniis cufi.
Yoo kanaa achii isaan ija ofii isaaniitiin arganii
gurra isaaniitiin dhagaʼanii
qalbii isaaniitiin hubatanii deebiʼanii fayyu.”
11 Ani, “Yaa Gooftaa, wanni kun hamma yoomiitti akkana taʼa?” nan jedhe.
Innis akkana jedhee deebise:
“Hamma magaalaawwan diigamanii
nama isaan keessa jiraatu dhabanitti,
hamma manneen onanii lafti qotiisaas
barbadaaʼee duwwaa hafutti,
12 hamma Waaqayyo nama hunda fageessee
lafti sun guutumaan guutuutti dagatamutti taʼa.
13 Kudhan keessaa tokko yoo hafe iyyuu,
biyyi sun amma illee deebitee onti.
Garuu akkuma mukni laaftootii fi qilxuu,
yoo muran gufuun isaa latu sana
akkasuma sanyiin qulqulluun gufuu taʼee achitti hafa.”