7
Mallattoo Amaanuʼel
Bara Aahaaz ilmi Yootaam, ilmi Uziyaan Mootii Yihuudaa turetti, Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemiin loluuf itti duulan; garuu ishee moʼachuu hin dandeenye.
Yeroo kanattis, “Sooriyaan Efreem wajjin tokkummaa uummatteerti” jedhanii mana Daawititti himan; kanaafuu garaan Aahaaziitii fi garaan saba isaa akkuma mukni bosonaa bubbeedhaan raafamu sana raafame.
Kana irratti Waaqayyo Isaayyaasiin akkana jedhe; “Atii fi ilmi kee Sheʼar-Yaashuub dhuma jalʼisii Haroo Ol aanuu kan karaa Lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu sana biratti Aahaazin simachuuf gad baʼaa. Akkana jedhiin; ‘Of eeggadhu; calʼisi; hin sodaatin. Ati sababii gufuuwwan muka ibiddaa kanneen seeqaa jiran lamaan kanneeniitiif jechuunis sababii aarii Reziin kan Sooriyaatii fi aarii ilma Remaaliyaa hamaa sanaatiif jettee abdii hin kutatin. Sooriyaan, Efreemii fi ilmi Remaaliyaa akkana jedhanii badiisa keetiif mariʼataniiru; “Kottaa Yihuudaatti duullaa; kottaa ishee kukkunnee gargar qooddannaa; ilma Xaabiʼeelis ishee irratti moosifannaa.” Taʼus Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“ ‘Wanni kun hin raawwatu;
wanni kun hin taʼu;
mataan Sooriyaa Damaasqoodhaatii;
mataan Damaasqoo immoo Reziinii dha.
Waggaa jaatamii shan keessatti,
Efreem ni bittinnaaʼa; saba tokko taʼuun isaas ni hafa.
Mataan Efreem Samaariyaa dha;
mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti.
Isin yoo amantii keessaniin jabaattanii dhaabachuu baattan;
yoom iyyuu hin dhaabattan.’ ”
10  Waaqayyo amma illee akkana jedhee Aahaazitti dubbate; 11 “Qilee akka malee gad fagoo keessatti yookaan samii akka malee ol fagoo keessatti, Waaqayyoon Waaqa kee mallattoo gaafadhu.”
12 Aahaaz garuu, “Ani hin gaafadhu; Waaqayyonis hin qoru” jedhe.
13 Isaayyaasis akkana jedhe; “Yaa mana Daawit mee dhagaʼaa! Isin obsa namaa qoruun isin hanqatee obsa Waaqa koo qortuu? 14 Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti. 15 Inni yeroo waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu beekutti itittuu fi damma nyaata. 16 Garuu utuu mucaan sun waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu hin beekin dura biyyi mootota lamaan ati sodaatte sanaa ni ona. 17  Waaqayyo erga Efreem Yihuudaa irraa citee jalqabee bara takkumaa taʼee hin beekin tokko sitti, saba keettii fi mana Abbaa keetiitti ni fida; jechuunis mootii Asoor ni fida.”
Asoor, Meeshaa Waaqayyoo
18 Bara sana keessa Waaqayyo tisiisota burqaa laga Gibxi keessa jiranii fi kanniisota biyya Asoor siiqsee waama. 19 Hundi isaanii dhufanii dhooqa lafaa keessa, holqa kattaa keessa, daggala qoraattiitii fi boolla bishaanii hunda keessa qubatu. 20 Bara sana keessa Gooftaan haaduu laga gamaa kireeffateen jechuunis mootiin Asoor rifeensa mataa keessanii rifeensa miilla keessaniitii fi areeda keessan ni haada. 21 Bara sana keessa namni tokko goromsa tokkoo fi hoolaa lama qabaata. 22 Sababii baayʼina aannan isaan kennaniif, inni itittuu sooratu qabaata. Namni biyya sanatti hafu hundinuu itittuu fi damma nyaata. 23 Bara sana keessa, lafa mukkeen wayinii kumni tokko kanneen meetii saqilii kuma baasan jiran hunda irra sokorruu fi qoraattii qofatu jiraata. 24 Sababii lafti sun sokorruu fi qoraattiin guutameef, namoonni iddaa fi xiyya qabatan iyyuu achi dhaqu. 25 Ati sababii sokorruu fi qoraattii sodaattuuf siʼachi gara gaarran kanaan dura gasoon soqamaa turan sanaa hin dhaqxu; isaan lafa loon itti bobbaʼanii fi lafa hoolonni keessa burraaqan taʼu.