62
Maqaa Xiyoon Haaraa
Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa,
fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti,
ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu;
waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu.
Saboonni qajeelummaa kee,
mootonni hundinuus ulfina kee ni argu;
ati maqaa haaraa,
kan afaan Waaqayyoo siif baasuun ni waamamta.
Ati harka Waaqayyoo keessatti gonfoo ulfinaa,
harka Waaqa keetii keessattis marata mootii ni taata.
Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu,
yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu.
Ati garuu, “Ani isheetti nan gammada” jedhamta;
biyyi kees “kan heerumte” jedhamti;
Waaqayyo sitti gammadaatii,
biyyi kee ni heerumti.
Akkuma dargaggeessi durba fuudhu,
ilmaan kee si fuudhu;
akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu,
Waaqni kees sitti gammada.
 
Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti
eegdota ramadeera;
isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan.
Isin warri Waaqayyoon waammattan,
ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa;
hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree
akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti
boqonnaa isaaf hin kenninaa.
 
Waaqayyo akkana jedhee
harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera;
“Ani lammata midhaan kee
nyaata godhee diinota keetiif hin kennu;
namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa
kan ati itti dadhabde hin dhugan;
garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu;
Waaqayyoonis ni galateeffatu;
warri ija wayinii guurratanis
oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu.”
 
10 Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa!
Uummataaf karaa qopheessaa.
Tolchaa; karaa guddaa tolchaa!
Dhagaawwan bubuqqisaa.
Sabootaafis faajjii ol qabaa.
 
11  Waaqayyo akkana jedhee
hamma moggaa lafaatti labseera;
“Intala Xiyooniin akkana jedhaa:
‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa!
Badhaasni isaa kunoo isa harka jira;
beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’ ”
12 Isaanis Saba Qulqulluu,
Furamtoota Waaqayyoo jedhamanii ni waamamu;
atis barbaadamtuu,
Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.