63
Guyyaa Waaqayyo Haaloo Baʼu
Kan uffata isaa halluu diimaa cuuphee
Edoom keessaa, Bozraadhaa dhufaa jiru kun eenyu?
Kan ulfina uffatee guddina jabina isaatiin
fuula duratti deemaa jiru kun eenyu?
 
“Inni anuma, kan qajeelummaan dubbatu,
kan oolchuufis humna qabu anaa dha.”
 
Uffanni kee maaliif akkuma uffata
nama boolla wayinii itti cuunfan keessatti
wayinii dhidhiitu tokkoo diimata?
 
“Ani kophaa koo boolla itti wayinii cuunfan keessatti
wayinii nan dhidhiite;
saboota keessaa namni tokko iyyuu na wajjin hin turre.
Ani aarii kootiin isaan irra dhaabadhee
dheekkamsa kootiin gad isaan dhidhiite;
dhiigni isaanii wayyaa kootti faffacaʼe;
wayyaa koo hundas ni faale.
Guyyaan haaloo baʼuu garaa koo keessa jiraatii;
waggaan ani itti nama furus dhufeera.
Anis milʼadhee nama na gargaaru tokko iyyuu nan dhabe;
gargaarsa tokko iyyuu dhabnaan nan dinqisiifadhe;
kanaafuu irreen koo fayyina naa fide;
dheekkamsi koos na utube.
Ani aarii kootiin saboota irra nan dhidhiite;
dheekkamsa kootiinis isaan nan macheesse;
dhiiga isaanii lafa irra nan lolaase.”
Galateeffannaa fi Kadhannaa
Akkuma waan inni nuuf hojjete hundaatti
ani waaʼee jaalala Waaqayyoo // kan hin geeddaramne sanaa
hojii inni ittiin galateeffamuu qabu nan odeessa;
wantoota gaggaarii inni akkuma gara laafinaa fi
arjummaa isaa hedduu sanaatti mana Israaʼeliif hojjete baayʼee
ani dhugumaan nan odeessa.
Innis, “Isaan dhugumaan saba koo ti;
ijoollee hin sobnee dha” jedhe;
kanaafuu inni Fayyisaa isaanii taʼe.
Dhiphina isaanii hunda keessatti, innis ni dhiphate;
ergamaan Waaqayyoo kan fuula isaa dura dhaabatu isaan baraare.
Jaalalaa fi araara isaatiin isaan fure;
bara durii hunda keessa,
inni ol fuudhee isaan baate.
10 Isaan garuu fincilanii
Hafuura isaa Qulqulluu gaddisiisan.
Kanaafuu inni deebiʼee diina isaanii taʼe;
inni mataan isaas isaan lole.
 
11 Kana irratti sabni isaa bara durii,
bara Museetii fi saba isaa yaadatee akkana jedhe:
Inni tiksee bushaayee isaa wajjin
galaana keessaa isaan baase sun eessa jira?
Inni Hafuura isaa Qulqulluu gidduu isaanii buuse,
12 kan akka irreen isaa ulfina qabeessi jabaan sun,
harka mirgaa kan Musee wajjin jiraatuuf erge,
kan maqaa bara baraa ofii isaatiif godhachuudhaaf
fuula isaanii duratti bishaan gargar qoode,
13 kan tuujuba keessaan isaan qajeelche sun eessa jira?
Isaan akkuma farda biyya balʼaa keessa gulufu tokkoo hin gufanne;
14 akkuma loon dirreetti bobbaʼaniitti,
Hafuurri Waaqayyoo boqonnaa isaaniif kenne.
Akki ati itti maqaa ulfina qabu ofii keetiif godhachuudhaaf jettee
saba kee qajeelchite kanaa dha.
 
15 Ati samii irraa, teessoo kee qulqulluu fi
ulfina qabeessa sana irraa gad ilaali.
Hinaaffaan keetii fi jabinni kee eessa jiru?
Jaalallii fi gara laafinni kee nurraa ittifamaniiru.
16 Yoo Abrahaam nu beekuu baatee,
yookaan Israaʼel nu yaadachuu baate iyyuu,
ati dhugumaan abbaa keenya;
Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya;
Furaan keenya durumaa jalqabee maqaa kee ti.
17 Yaa Waaqayyo, ati maaliif akka nu karaa kee irraa badnuu fi
akka garaan keenya jabaatee nu si sodaachuu didnu nu goota?
Sababii garboota kee,
gosoota handhuuraa kee taʼaniitiif jedhii deebiʼi.
18 Sabni kee yeroo yartuuf iddoo kee qulqulluu dhaalee ture;
amma garuu diinonni keenya iddoo kee qulqulluu
gad dhidhiitaa jiru.
19 Nu durumaa jalqabnee kanuma kee ti;
ati garuu isaan hin bulchine;
isaanis maqaa keetiin hin waamamne.