12
Iyyoob
Iyyoob akkana jedhee deebise:
“Nama jechuun dhugumaan isin;
ogummaanis isin wajjin duuti!
Garuu anis akkuma keessan sammuun qaba;
ani isinii gad miti.
Namni waan akkanaa hin beekne eenyu?
 
“Ani nama Waaqa waammatee deebii argate taʼu illee,
michoota koo biratti nama kolfaa taʼeera.
Ani utuun nama qajeelaa hirʼina hin qabne taʼee jiruu nama kolfaa taʼeera.
Warri itti tole rakkinatti qoosu;
nama kufuuf miilli isaa mucucaateenis kun hiree isaati jedhu.
Dunkaanni saamtotaa hin jeeqamu;
warri Waaqa isaanii harkatti baatanii jooran,
warri Waaqa dheekkamsiisan nagaan jiraatu.
 
“Mee horii gaafadhu; isaan si barsiisu;
yookaan simbirroota samii gaafadhu; isaan sitti himu;
yookaan lafatti dubbadhu; inni si barsiisa;
yookaan qurxummiiwwan galaanaa sitti haa himan.
Akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete,
isaan kanneen hunda keessaa eenyutu hin beekne?
10 Lubbuun uumama hundaa,
hafuurri nama hundaas harka isaa keessa jira.
11 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu,
gurris dubbii dhagaʼee addaan hin baasuu?
12 Ogummaan jaarsolii biratti,
hubannaanis warra umuriin dheerate biratti argama mitii?
 
13 “Ogummaa fi humni kan Waaqaa ti;
gorsii fi hubannaanis kan isaa ti.
14 Waan inni diigu eenyu iyyuu deebisee ijaaruu hin dandaʼu;
nama inni hidhe eenyu iyyuu hiikuu hin dandaʼu.
15 Yoo inni bishaan dhowwate, hongeetu buʼa;
yoo inni gad dhiise immoo biyya balleessa.
16 Jabinnii fi ogummaan kan isaa ti;
namni gowwoomfamuu fi inni gowwoomsus kanuma isaa ti.
17 Inni gorsitoota qullaa deemsisa;
abbootii murtiis gowwoota godha.
18 Inni mootota irraa hidhaa hiikee,
mudhii isaaniitti sabbata hidha.
19 Luboota qullaa deemsisa;
jajjabeeyyiis ni gaggaragalcha.
20 Gorsitoota amanamoo afaan qabachiisa;
hubannaa jaarsoliis irraa fuudha.
21 Warra kabajamootti salphina fida;
warra jajjaboo immoo hidhata hiikachiisa.
22 Inni icciitii dukkanaa keessaa ifatti baasa;
dukkana limixiis ifatti geeddara.
23 Inni saboota ni guddisa; ni balleessas;
saboota ni baayʼisa; ni bittinneessas.
24 Bulchitoota addunyaa hubannaa malee hambisa;
gammoojjii daandii hin qabne keessas isaan joorsa.
25 Isaan dukkana ifa hin qabne keessa qaqqabannaadhaan deemu;
inni akka isaan akkuma nama machaaʼeetti gatantaranis ni godha.