11
Zoofaari
Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
“Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii?
Dubbii baayʼisuun qajeelaa nama godhaa?
Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa?
Yommuu ati qoostu namni si ifatu hin jiruu?
Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha;
ani fuula kee duratti hirʼina hin qabu’ jetta.
Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee,
utuu afaan isaas sitti saaqqatee
icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa!
Ogummaan dhugaan bifa lama qabaatii.
Kanaafuu Waaqni cubbuu kee muraasa akka siif irraanfate beeki.
 
“Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu
yookaan yaada Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu qorattee bira gaʼuu dandeessaa?
Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa?
Qilee awwaalaa caalaas gad fagaatu; ati maal beekuu dandeessa?
Safarri isaa lafa caalaa dheerata;
galaana caalaa balʼata.
 
10 “Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche,
yoo waldaa murtiis walitti qabe eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
11 Dhugumaan inni sobdoota ni beeka;
inni yommuu jalʼina argutti hin qalbeeffatuu?
12 Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee
gowwaan ogeessa taʼuu hin dandaʼu.
 
13 “Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee
harka kees gara isaatti diriirsite,
14 cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite,
akka wanni hamaanis dunkaana kee keessa hin jiraanne yoo goote,
15 ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa;
sodaa tokko malees jabaattee dhaabatta.
16 Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta;
akkuma lolaa darbeettis ni lakkoofta.
17 Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa;
dukkanni isaas akkuma barii ganamaa taʼa.
18 Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu;
naannoo kee ni ilaalta; nagaadhaanis ni boqotta.
19 Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu;
namoonni baayʼeenis fuula kee barbaadu.
20 Iji hamootaa ni dadhaba;
karaan ittiin baqatanis isaan jalaa bada;
abdiin isaaniis duʼa qofa.”