3
Dubbii Iyyoob
Kana irratti Iyyoob afaan isaa banatee guyyaa itti dhalate abaare. Innis akkana jedhe:
Iyyoob
“Guyyaan ani itti dhaladhe haa badu;
halkan, ‘Ilmi dhalate!’ jedhame sunis haa badu.
Guyyaan sun haa dukkanaaʼu;
Waaqni ol gubbaadhaa isa hin ilaalin;
ifnis itti hin ifin.
Dukkannii fi gaaddidduun guddaan isa haa dhaalan;
duumessi isa irra haa buʼu;
ifa isaa dukkanni haa liqimsu.
Halkan sana dukkanni limixiin haa qabatu;
guyyoota waggaa keessa jiranittis hin dabalamin
yookaan jiʼoota kam iyyuu keessatti hin lakkaaʼamin.
Halkan sun haa maseenu;
ililleenis keessatti hin dhagaʼamin.
Warri Lewaataanin kakaasuuf qophaaʼan,
kanneen guyyoota abaaran guyyaa sana haa abaaran.
Bakkalchi barii kan guyyaa sanaa haa dukkanaaʼu;
ifa eeggatee haa dhabu;
boruu baqaqus hin argin.
10 Inni ija koo duraa rakkina dhoksuuf,
balbala gadameessa haadha kootii natti hin cufneetii.
 
11 “Ani maaliif gadameessa haadha kootii keessatti hin badin?
Maaliifis yeruman garaa keessaa baʼetti hin duʼin?
12 Jilbawwan na simatan,
harmawwan ani hodhus maaliif achitti argaman?
13 Ani silaa yoona nagaan nan ciisa;
rafees nan boqodhan tureetii;
14 moototaa fi gorsitoota addunyaa
warra iddoowwan amma diigamanii jiran ofii isaaniitiif qopheeffatan wajjin,
15 bulchitoota warqee qaban, kanneen manneen isaanii
meetiidhaan guutatan wajjin nan boqodhan ture.
16 Yookaan ani maaliifin akkuma mucaa duʼee garaa baʼee,
akkuma daaʼima ifa guyyaa hin arginiitti hin awwaalamin?
17 Achittis namoonni hamoonni jeequu ni dhiisu;
dadhaboonnis achitti ni boqotu.
18 Boojiʼamtoonni nagaadhaan walii wajjin jiraatu;
waca cunqursitoota isaaniis hin dhagaʼan.
19 Xinnaa fi guddaan achi jira;
garbichis gooftaa isaa jalaa bilisoomeera.
 
20 “Maaliif warra gadadoo keessa jiraniif ifni
warra lubbuun isaanii gadditeef immoo jireenyi kennama?
21 Warra duʼa hawwanii dhabaniif
warra qabeenya dhokfame caalaa duʼa barbaadaniif
22 warra yommuu awwaalamuu gaʼanitti
gammachuun guutamanii ililchaniif jireenyi maaliif kennama?
23 Nama karaan isaa duraa dhokateef
nama Waaqni dallaa itti marse
jireenyi maaliif kennama?
24 Gaddi buddeena naa taʼeera;
aaduun koos akka bishaanii dhangalaʼa.
25 Wanni ani sodaadhe natti dhufeera;
wanni na naasisus narra gaʼeera.
26 Ani nagaa hin qabu; tasgabbiis hin qabu;
jeequmsa malee boqonnaa hin qabu.”