4
Eliifaaz
Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:
“Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa?
Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?
Ati akka nama baayʼee barsiifte,
akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.
Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera;
atis jilba laafe jabeessiteerta.
Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta;
rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;
Waaqa sodaachuun kee irkoo kee,
qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?
 
“Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa?
Qajeelonni eessatti badanii beeku?
Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan,
kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.
Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu;
hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.
10 Leenci ni aada; ni gururiʼas;
ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.
11 Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa;
ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.
 
12 “Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame;
gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.
13 Abjuu halkanii sodaachisaa keessa,
yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,
14 sodaa fi hollachuun na qabatee
lafee koo hunda raase.
15 Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe;
rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.
16 Innis ni dhaabate;
ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye.
Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate;
anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:
17 ‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa?
Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?
18 Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu;
ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;
19 yoos warri manneen suphee keessa jiraatan,
warri hundeen isaanii biyyoo taʼe,
warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?
20 Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu;
tasumas bara baraan ni badu.
21 Akka isaan ogummaa malee duʼaniif
funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’