42
Iyyoob
Iyyoobis akkana jedhee Waaqayyoof deebii kenne:
“Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka;
karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
Ati, ‘Namni beekumsa malee gorsa koo dhoksu kun eenyu?’ jettee gaafatte.
Ani dhugumaan waan naaf hin galin, waan dinqii natti taʼe
kan ani hin beekin dubbadheera.
 
“Ati akkana jetteerta;
‘Ani nan dubbadhaa mee dhaggeeffadhu;
ani sin gaafadhaa, ati immoo naaf deebisi.’
Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture;
amma garuu iji koo si argeera.
Kanaafuu ani of tuffadhee biyyoo fi
daaraa keessa taaʼee qalbii nan jijjiirradha.”
Xumura
Waaqayyo erga waan kana Iyyoobitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; “Sababii isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera. Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Iyyoob dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Iyyoob garbichi koo isinii kadhata; ani kadhannaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii.” Kanaafuu Eliifaaz Teemaanichi, Bildaad Shuhaahichii fi Zoofaari Naaʼimaatichi waan Waaqayyo isaanitti hime sana godhan; Waaqayyos kadhannaa Iyyoob dhagaʼe.
10 Erga Iyyoob michoota isaatiif kadhatee booddee Waaqayyo deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef. 11 Obboloonni isaa, obboleettonni isaa hundinuu fi warri dur isa beekan hundi dhufanii mana isaatti isa wajjin nyaatan. Isaanis sababii rakkina Waaqayyo isatti fide hundaatiif isaaf gaddanii isa jajjabeessan; tokkoon tokkoon isaaniis meetii fi qubeelaa warqee kennaniif.
12  Waaqayyos kan duraa caalaa jireenya Iyyoob kan fuul duraa eebbise. Iyyoobis hoolaa kuma kudha afur, gaala kuma jaʼa, qotiyyoo kuma lamaa fi harree dhaltuu kuma tokko qaba ture. 13 Akkasumas ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture. 14 Intala isaa jalqabaa Yemiimaa, ishee lammaffaa Keziiyaa, ishee sadaffaa immoo Qeren-Haphuuk jedhee moggaase. 15 Biyya sana hunda keessatti dubartoonni akka intallan Iyyoob babbareedan eessattuu hin argamne. Abbaan isaaniis obboloota isaanii gidduutti dhaala kenneef.
16 Iyyoobis ergasii waggaa dhibba tokkoo fi afurtama jiraate; innis hamma dhaloota afuriitti ijoollee fi ijoollee ijoollee isaa arge. 17 Innis akkasiin bara dheeraa jiraatee dulloomee duʼe.